Hordoftoonni Amantaa Muslimaa Ayyaana Sooma Hiikkaa (Iid-Alfaxir) bara kanaa, haaluma amaleeffatameen, Dirree Ammasqalaa Finfinneetti kabajachuuf eeyyama isaan gaafatan mootummaan dhorkatamuun wal-qabatee, Hawaasni Muslimaa Magaalaa Finfinnee fi magaalota naannoo sana jiran keessa jiraatan mormii dhageessisaa jiraachuu.

- Lolli WBO fi Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa gidduutti, Giddu-gala Oromiyaa Ona Gindabarat keessatti adeemsifamu, tibbana jabaatee itti-fufee jiraachuu.
- Duulli duguuggaa sanyii fi babal'ifannaa daangaa Milishootaa fi Poolisoota Humna Addaa Naannoo Amaaraan Oromoo Walloo irratti adeemsifamu, tibbanas bifa haaraan eegalee jiraachuu.