Walloo, Haxaayyee

Lolli Oromoo Walloo irratti Roobii darbe baname, itti-fufe

Lola duguuggaa sanyii fi babal’ifannaa daangaa, Milishootaa fi Poolisii Humna Addaa Naannoo Amaaraa, kanneen Raayyaa Ittisaa Impaayera Itoophiyaan tumsamaniin, Roobii (Eebila 14, 2021) irraa qabuun hanga Dilbata har’aatti, itti-fufuun Uummata Oromoo Walloo irratti geggeeffamaa jiruun, namaa fi qabeenya Oromoo Walloo irra gaaga’amni ga'aa jiraachuu.

Tarkaanfii ofirraa-ittisaa Uummatni Oromoo fudhateen PHANA’n 12 ajjeefamuu

Duula Poolisii Humna Addaa Naannoo Amaaraan, Uummata Oromoo irratti, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Limmuu, Gandeen: Harqumbee 3, Harqumbee 5, Harqumbee 6, Harqumbee 7 fi Harqumbee 8 jedhaman keessatti, Jimaata (Eebila 16, 2021) irraa qabuun banameen, Oromoonni lama jaboo madaa’uun, hospitaala Giddaatti wal’aanamaa jiraachuu.

Tarkaanfii of-ittisuu Qonnaan-bultoonni Oromoo gandeen kanneen keessa jiraatan fudhataniin ammoo Poolisoota Humna Addaa Naannoo Amaaraa keessaa 12 (Kudha-lama) ajjeefamuu.

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa