Tarkaanfii WBO LMKII irratti
Tarkaanfii haleellaa boombii WBO’n galgala edaa (Eebila 10, 2021) Magaalaa Naqamtee keessatti Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irratti fudhateen, Ajajaan Poolisii Federaalaa Koomaandar Geetinnat Mulugeetaa jedhamuu fi eegdonni isaa lama ajjeefamuu.
Ajjeechaa fi mancaatii qabeenyaa Oromoo
Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Ayyaanaa keessatti, guyyoota lamaan kana Oromoonni afur (4) ajjeefamuu; akkasumas, manneen Oromoota ajjeefaman kanneenii dabalatee, manneen jireenyaa Uummata Oromoo, kanneen baay’inaan kudhan (10) ta’an, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan gubamuu fi qabeenyi mancaafamuu.