Magaalaa Naqamtee fi Magaalaa Jimmaa, Oromiyaa

Barsiisotni Oromoo Yuunvarsitii Jimmaa 6 hidhamuu

Itti-aanaa Hoogganaa Yuunvarsitii Jimmaa kan turan, Dr. Adulaa dabalatee Barsiisotni Oromoo Yuunvarsitii Jimmaa kanneen baay’inaan ja’a (6) ta’an hidhamanii jiraachuu; akkasumas, Onoota Konyaa Jimmaa garaagaraa keessatti, hidhaa fi dararaan qabata WBO’n Uummata Oromoo irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu.

Ajjeefamuu Dargaggoo Oromoo - Jammaraa Faqaaduu

Dargaggoon Oromoo Jammaraa Faqaaduu jedhamu, barataa kutaa kudhanii kan ta’e, Dilbata (Eebila 4, 2021) Konyaa Matakkal, Ona Dibaax, Magaalaa Gaalessaa keessatti Raayyaa Ittisaa MKIIn ajjeefamuu; Uummanni Oromoo ajjeechaa kana balaaleffachuun hiriira mormii ba’anis hidhamuu.

Bobbaa Loltoota MKII gara Lixa Oromiyaatti

Poolisoonni Humna Addaa [Oromiyaa], Loltoonni Mootummaa Eertiraa, akkasumas, Poolisoonni Humna Addaa fi Milishoonni Naannoo Amaaraa maqaa sakattaa WBO’n Uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachuuf gara Konyaalee Lixa Oromiyaatti bobbaafamaa jiraachuu. – Oromticha Magaalaa Naqamtee