Lolli duguuggaa sanyii fi babal’ifannaa daangaa qindoomaan, bifa addaan, Bitootessa 19, 2021 irraa qabuun Hidhattoota Naannoo Amaaraa – Raayyaa Ittisaa MKII fi Loltoota Mootummaa Eertiraan tumsamaniin – Oromoo Walloo irratti baname, aarsaa lubbuu fi qaamaa kan isa baasisee fi mancaatii qabeenyaa kan qaqqabsiise ta’ullee, Uummaani Oromoo Walloo, weerartoota kanneen humna qabuun rukutee ofirraa deebisuu isaa hordofuun odeessaalee gamasii nu qaqqabaa turan sagantaalee keenya darban keessatti, sagalee fi viidiyoodhaan maxxansaa turuun keenya ni yaadatama.
Guyyoota sadan kana ammoo, Hidhattoonni Naannoo Amaaraa meeshaalee waraanaa ammayyaa hidhatan, kallatti afuriin, Magaalotaa fi Onoota Konyaa Walloo adda addaa keessa baay’inaan qubachiifamuun, Oromoo Walloo irratti waraana banuuf haal-dureewwan mijeeffachaa jiraachuun isaanii yaaddoo guddaa ta’ee jiraachuu kan dubbatu Oromticha Walloo irraa bilbilaan odeeffannedha.
Marii bal’aan Oromticha Walloo waliin taasifne viidiyoo armaan gadii keessatti haammatamee jira.
Poolisoonni Humna Addaa Oromiyaa, Baha irraa gara Lixa Oromiyaatti fe’amaa jiraachuu
Poolisoonni Humna Addaa [Oromiyaa] jedhaman, kanneen Konyaalee Bahaa fi Lixa Harargee keessa turan, yeroo ammaatti gara Lixa Oromiyaatti fe’amaa jiraachuu irratti, odeessi gara Baha Oromiyaatti bilbiluun Oromticha tokkorraa argannes qabiyyee sagantaa keenya har’aa keessatti dhihaatee jira.