Saamichaa fi mancaatiin qabeenya Oromoo irratti, Konyaa Qeellem Wallaggaa, Ona Hawwaa Galaanii fi Ona Yamaaloogii Walal keessatti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan raawwatamu hammaatee itti-fufee jiraachuu.
Dabalataanis, achuma Konyaa Qeellem Wallaggaa keessatti, Dangaggoonni Oromoo danuun hidhamanii dararamuun, leenjii fudhatanii waraana MKII'tti akka makamaniif dirqisiifamaa jiraachuu.
Dararaa fi ajjeechaa Konyaalee Giddu-gala Oromiyaa, Kaabaa fi Lixa Shaggaritti argaman keessatti LMKIIn raawwataman daran hammaachuun, Uummanni Oromoo haala rakkisaa keessa jiraachuu.