Tarkaanfii WBOn Konyaa Gujii Bahaa keessatti, Loltoota MKIX irratti fudhate.
Ajjeechaa suukanneessaa Qeeroo Oromoo 4 irratti, Ona Laaloo Assaabii keessatti raawwatame.
Kaaba Tuulamaa keessatti, dararaa ulfaataa Uummata Oromoo irra ga'aa jiru.

WBOn Konyaa Gujii Bahaa keessa socho'u, torban kana keessa bakkeewwan heedduutti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irratti tarkaanfilee jajjaboo fudhachuun injifannoo galmeessaa jiraachuu isaa ilaalchisuun, Marii Ajajaa WBO Konyaa Gujii Bahaa Jaal Magarsaa Lammii waliin taasifame;

Tarkaanfii WBO Zoonii Kibbaan Loltoota MKIX irratti fudhatame

Ajjeechaa fi dararaa

Roobii kaleessaa (Caamsaa 20, 2020) fi Kamisa har'aa, Konyaa Lixa Wallaggaa, Ona Laaloo Assaabii keessatti, Qeeroowwan Oromoo afur, loltoota MKIX gamasitti bobba'anii Uummata Oromoo dararaa fi ajjeesaa jiraniin, haala suukanneessaa ta'een ajjeefamuu.

Kaaba Tuulamaa, Onootaa fi Magaalaalee adda addaa keessatti, Uummatni Oromoo dalagaa dhorkamuun, hidhaa fi reebichaan dararamaa jiraachuu. Kutaa tokko keessatti namootni dhibbaan lakkaa'aman hidhamanii dararamaa jiraachuu isaanii eeruun; gochi kun Uummata Oromoo dhibee Koroonaaf (COVID-19) saaxila baasuuf jecha, itti yaadamee gocha godhamaa jiru ta'uu akeeka jechuun yaaddoo qabus ibsata, Oromtichi Ona Dagam irraa bilbilaan odeeffanne.

Ijaarsaa fi sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qeerroo fi Qarreen Oromoo, bifa haarayaan wal-ijaaruun, Qabsoo Bilisummaa Oromoo hanga Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo mirkaneessuutti finiinsuuf qophii xumuranii jiraachuu – Qarree Maccaa

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa