Voice of Independent Oromia (VIO) News page - Fuula Oduu Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)
Konyaa Lixa Wallaggaa, Magaalaa Qondaalaa fi Begii dabalatee, Gandeen baadiyyaa Ona Qondaalaa fi Ona Begii jalatti argaman, kanneen baay’inaan torbaatamaa (70) ol ta’an to'annoo WBO jala erga galfamanii baatii tokkoo ol lakkoofsisanii kan jiran ta’uu. Waliigalatti, Ona Gidaamii, Qondaalaa fi Begii, akkasumas, magaalota onoota kanneenii dabalatee, gandeen Konyaa Lixa Wallaggaa jala jiran, baay'inaan 900 (dhibba-sagalii) ol ta'an, guutumaa guutuutti WBO'n to'atamanii jiraachuu.
Saamichi qabeenyaa fi dararaan Uummata Oromoo irratti, Kibba-Baha Oromiyaa, Konyaa Arsii Lixaa keessatti, aangawoota, milishootaa fi loltoota mootummaa Impaayerattiitiin raawwatamu akkaan hammaachuu. Dabalataanis, Hawaasni Oromoo leenjii Gaachana Sirnaa jedhamuun gidirfama ulfaataa mudachaa jiraachuu.
Tarkaanfii WBO’n, Magaalaa Naqamtee fi Onoota Konyaa Baha Wallaggaa keessatti argaman garaagaraa keessatti, LMKII irratti, guyyoota sadan darban fudhateen, Loltoonni Impaayerattii danuun galaafatamuu. Dargaggoon Oromoo tokko, Magaalaa Naqamtee keessatti rasaasaan erga rukutamee booda, mataan isaa konkolaataan buruqfamuun, haala suukanneessaan ajjeesuu.
Saamichi qabeenyaa qabata gargaarsa Loltoota Mootummaa Impaayerattiitiin, akkasumas, hidhaa fi dararaan qabata deggersa WBO fi daafii hafiinsa leenjii Gaachana Sirnaa jedhamuun, Baha Oromiyaa, Ona Dirree Xiyyaaraa keessatti, Uummata Oromoo irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu.
Haala Uummanni Oromoo Walloo keessa jiru ilaalchisuun odeessa qabatamaa bakkasii argachuun, daafii addaan-citiinsa neetorkii bilbilaa fi intarneetaatiin dadhabamullee, odeessa dhalattoota Walloo kanneen biyyoota ambaa keessa jiraachaa jiran irraa arganneen, haleellaan humna xiyyaaraa fi waraana lafoon Uummata Oromoo irratti raawwatamu itti-fufee jiraachuu mirkaneeffachuun danda'amee jira.
Qaamota Gadaa Karrayyuu Soddomii-Salgan (39), kanneen Roobii Mudde 1, 2021 quubsuma Abbootii Gadaatii butaman keessaa, Abbaa Gadaa Karrayyuu, Kadiroo Hawaas Boruu dabalatee, namoonni Kudha-Afur (14), gara Aanoleetti geeffamuun, galgaluma gaafasii ajjeefamuu.
Abbaa Bokkuu Karrayyuu dabalatee, qaamonni Gadaa Karrayyuu Afurtamni (40), Roobii kaleessaa (Mudde 1, 2021) qe’ee ofii keessaa butamuun, achi-buutee dhabamsiifamuu. Lolli WBO fi Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itophiyaa gidduutti, Sadaasa 29, 2021 baname, ilaa har’aatti itti-fufiinsaan geggeeffamaa jiraachuu.
Haleellaan humna xiyyaaraan, Hawaasa Oromoo hidhanno-maleessa irratti, Konyaa Baha Wallaggaa, Onoota: Giddaa, Limmuu, Kiiramuu fi Jaanjir jedhaman keessatti, Wiixata kaleessaa (Sadaasa 29, 2021) eegale, Kibxata har’aas itti-fufee ooluu. Tajaajilli quunnamtii intarneetaa fi neetorkii bilbilaa, Onoota haleellaan irratti raawwatamaa jiru irraa guutumatti muramee jiraachuu.
Page 1 of 83