Dhibee Daddarbaa Koronaa – Hubannaa Waliigalaa Miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo fi Uummata Keenya Bal’aaf Sabboontota Ogeeyyii Fayyaa Oromoodhaan Qophaa’e.

Maxxansi kun barruu gabaabaa, Dhibee Daddarbaa Koronaa (COVID-19) – Hubannaa Waliigalaa Miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo fi Uummata Keenya Bal’aaf Sabboontota Ogeeyyii Fayyaa Oromoodhaan Qophaa’e, jedhu dubbistoota bal'aaan ga'uuf yaadamee, eeyyama barreessitootaatiin fuula kana irratti kan maxxanfamedha. Dubbisaa; maatii fi hiriyoota keessanifis qooduun dubbisiisaa! Hubannoo waliigalaa uummanni keenya dhibee kana irratti qabu gabisuun, biyyaa-saba keenya haa baraarruun waamicha keenya.


Dhibee Daddarbaa Koronaa (COVID-19)

Koronaan dhukkuba daddarbaa jarmii ijaan hin mul’atne sanyii vaayirasii Koronaa jedhamu irraa dhufa. Vaayirasootni akaakuu garagaraa qabu. Walumaagalatti, vaayirasiin ofii isaatii kan lubbuu hin qabne (non-living genetic particles) yoo ta’u, maxxannee seelootaa (cells) ta’uudhaan kan jiraatu dha.

Vaayirasiin sababa baakteeriyaa irra gadi xiqqaa ta’eef meeshaa elektiroon maayikirooskooppii jedhamuun malee maayikirooskooppii ifaatiin mul’achuu hin danda’u. Vaayirasiin akkuma akaakuu fi sanyii isaatti dhukuba gara garaa namatti fiduu danda’a. Vaayirasiin Koronaa jedhamu kun sanyii vaayirasii SARS (Severe Acute Respiratory Syndrome) jedhamee bekamuu dha. Dhukkubni SARS jedhamu kunis dhukkuba armaan duratti sirna hargansuu namaa akka malee miidhuun hubaatii guddaa qaqqabsiisuun beekame dha.

Vaayirasiin Koronaa (2019-nCoV) jedhamu yeroo jalqabaaf biyya Chaayinaa, Magaalaa Wuhaan jedhamee waamamu kessatti Mudde, 2019 mul’achuu isaatu hubatame. Magaalaa kanatti namoota hedduutu kulkula sombaa (pneumonia) sababni isaa hin beekamneen qabamanii lubbuun darban. Ogeessotni fayyaa dhibee kana yaalanii fayyisuu waan dadhabaniif, jiraattotni Magaalaa Wuhaan dhibee kanaan dhumachaa jiraachuu isaanii mootummaa ofiitti beeksisan. Mootummaan Chaayinaa dhimmichatti xiyyeeffannaa guddaa kennuu diduun oggeessota waan kana gabaasan ugguraa akka tures ni himama.

Har’a dhibeen kun addunyaa irra tamsa’uun, biyyi dhibeen kun hin dhaqqabin hin jiru jechuun ni danda’ama. Yeroo barruu kana qopheessaa jirrutti dhibeen kun biyyoota 210 fi dooniilee gurguddaa idil-addunyaa 2 keessatti faca’ee argama. Namootni dhibee kanaan qabaman kitila lamaa fi walakkaatti dhiyaachaa jiru. Baay’inni namoota dhibee kanaan lubbuu galaafatamanii ammoo kuma dhibba tokkoo fi kuma torbaatamatti dhihaachaa jira.

Egaa, dhibeen kun har’a Impaayera Itoophiyaa seenee, Magaalota Oromiyaa kessatti mumul'ataa jira. Ibsii fi barnootni karaa mootummaa uummataaf dabraa jiru ga'umsa, amanamummaa fi iftooma qabaachuun isaa shakkisiisaa dha. Fknf, Kol. Abiy Ahimed, akkaataan nyaata keenyaa dhibee kanaaf nu hin saaxilu jechuu fi sabaa-himaan Itoophiyaa ammoo qoricha dhibee kana fayyisu argannee jirra jechuun odeessa dogoggorsaa fi qabatamaa hin taane uummata keessa facaasuun uummata dagachiisaa jiru. Uummata dagachiisuu irra darbanii dhibee kana golgaa tolfachuun ol-aantummaa siyaasaa fi waraanaa qabatanii itti fufuuf uummata keenya irratti lola labsanii lubbuu fi qabeenya Oromoo mancaasaa jiru.

Haalli akkasii kun uummata keenya rakkina hamaa fi gaaaga’ama ulfaataa irraan ga'uu waan danda’uuf gaga’ama dhibee kana waliin wal-qabatee dhufuu malu salphisuuf jecha Sabboontotni Oromoo ogummaa fayyaa qaban barruu kana qopheessanii dhiheessan.

Barreffamni kun dhukkuba koronaa saffisaan addunyaa waliin gahuutti jiruu fi qabatama jiru kana ilaalchisee namni kamuu hubannaa irraa argatee akka of-eegu akeeka. Barruun kun lammiileen sodaa hamaa keessa seenanii akka abdii hin kutanneef barnoota hubannoo gabbisu kan laatu ta’uun itti amanama. Kunaafis, barreeffamni kun mallattoolee dhibeen koronaa namarratti agarsiisu, akkaataa dhukkubichi itti daddarbu, miidhaa inni dhaqabsiisuu malu, akkaataa itti of irraa ittisanii fi maloota wal’aansa isaa gabaabinaa fi beekumsa saayinsii ammayyaa bifa bu’uureffateen kan ibsu dha. Namni quuqama sabaa qabu marti dokumantii kana ofii isaas akka itti dhimma bahuu, akkasumas, uummata keenyas bifa aanja’aa ta’een akka dhaqabsiisuufi barsiisu dhaamsa dabarsina.

Fakkii Vaayirasii Koronaa

 

Dhibeen Koronaa Eenyuun Irra Huba?

Dhibeen kun namoota umuriin ganna 65 ol jiran hedduu miidha. Namootni umuriin isaanii waggaa 80 ol ta’an harka dhibba keessaa 25 (25%) dhibee kanaan akka du’aa jiran ragaaleen ni mul’isu. Dhibeen kun, ijoollee fi dargaggoo umurii 10 irraa eegalee haga 40tti jiranii fi kanneen dhukkuba dabalataa hin qabaanne, nama kuma tokko (1000) keessaa nama lama (2) qofaa ajjeesa. Namni dhibee kanaan qabame, haguma umuriin isaa ol-guddate hireen ittiin du’uu isaas ol-ka’aa deema. Namootni dhibee dabalataa, kanneen akka: dhukkuba onnee, dhukkuba shukkaaraa, dhukkuba sombaa qabanii fi tamboo xuuxan hireen itti dhibee kanaan galaafataman guddaadha. Namni dhukkuba Koronaan qabame harki guddaan ittisa qaamaa uumamaan qabuun dandamaatee fayya.

Du’a Vaayirasiin Koronaa Fidu, Umuriin Wal-Bira Qabamee (Dhibbeentaadhaan

 

Akkaataa itti Koronaan Nama Hubu

Vaayirasiin Koronaa karaa afaanii, funyaanii fi ijaa qaama namaa seena. Sana booda qoonqoo/laagaa namaa irraan gara sombaatti godaana. Humna ittisa uumamaa namni qabu irratti hundaa’ee, namoota ittisa uumamaa jabaa qaban irratti osoo mallattoo dhukkubaa hin agarsiisiinuu baduu danda’a. Namoota ittisa uumamaa laafaa qaban irratti ammoo sadarkaa afuuffee qilleensaa/mandhee qilleensaa xixiqqaa kan somba keessa jiranitti (alveoli) gadi bu’ee somba namaa irratti miidhaa geessisa.

Dhukkubni kun nama sadarkaa sadiitti huba.

  • Sadarkaan tokkoffaa dhibee salphaa dha. Kun nama dhibba keessaa nama saddettama (80 out of 100) irra, akkuma qufaa/danfoofa/utaalloo biroo, torban tokkoo hanga lamaa turee irraa bada; wal’aansa hin feesisu.
  • Sadarkaan lammaffaa dhibee giddu-galeessa dha. Sadarkaa kanatti dhibeen kun yaalamuu qabuu fi dhibba keessaa harka kudha-shan (15%) of keessaa qaba. Sadarkaa kanatti, dhukkubni kun guyyaa afurii haga torbee tokkootti waan guddoo nama qufaasisuu fi qaama namaa ho’isuuf, namni dhukkuba kanaan qabame yaalamuu fi qoricha argachuu feesisa. Yoo Raajii (X-ray) kaafame kulkula sombaa (pneumonia) agarsiisa.
  • Sadarkaan inni sadaffaa ammoo dhibee cimaa dha. Namni dhibee kanaan qabamee sadarkaa kana gahu dhibba keessaa harka 5 (5%) dha. Sadarkaa kanatti kulkulli sombaa cimaan mudatee waan afuura kutuuf tajajilli addaa ni barbaachisa. Dhukkubichi torban 3-6 nama irra turuu danda’a. Yoo tajaajilli gahaan hin kennamne dhibeen kun kulkula sombaa (pneumonia) hammaataa dhalchuun qaamni namaa qilleensa dhabuudhaan akka ukkaamamu gochuun sadarkaa nama ajjeesuun gaha.

Sadarkaa fi ba’ina Vaayirasiin Koronaa itti nama miidhu (Dhibbeentaan)

 

Akkaataa Itti Koronaan Daddarbu

Vaayirasiin Koronaa (2019-nCoV) hancufa, gorora ykn furrii nama dhibee kanaan qabamee keessa jiraata. Vaayirasiin kun qaama namaa karaa afaanii fi funyaanii seenee qoonqoo keessa darbee gara sombaatti godaana. Yeroo namni haxxiffatuu fi qufa’u hancufa afuura namaan biifamu (droplet) waliin faca’uun, fageenya gabaabaa qilleensaan oofamee ni daddarba. Namni dhibee kanaan qabame yoo hancufni, gororri ykn furriin isaa meeshaa fi naannawa tuttuqe faalama fiduu danda’a. Kanaaf, namni tokko gadi bahee, namootaa fi naannoo isaa harkaan xuxxuqee ol-deebi’uu mala. Sana booda afaan, funyaan, ija ofii, meeshaa nyaataa fi dhugaatii tuquudhaan dhukkubichaan faalamuu danda’a. Akka kun hin taaneef, alatti bishaanii fi saamunaan harka dhiqatanii ol-seenuu barbaachisa.

Vaayirasiin kun hancufa karaa haxxiffuu fi qufaa keessaan faca’uun (droplet) hanga meetira lamaa (2m) ykn tarkaanfii guddicha kan nama ga’eessaa lama faca’uu danda’a. Jiidhi bifa haxxiffannaan faca’e (droplet) kun qilleensa keessa haga inni turu sirnaan qoratamee wanti barame hin jiru. Kanaaf, namoota dhibee kanaan hin qabamiin baraaruuf, namni dhibee kanaan qabame tokko hamma fayyutti qobaatti ittisamee tajaajilamuu qaba.

 Vaayirasiin Koronaa hancufa/gorora qilleensa keessa faca’uu fi xuxxuqaa harkaan nama tokko irraa gara nama birootti darba

 

Mallattoolee Dhibee Koronaa

  • Jalqaba, qufaa/utaalloo/danfoofa (common cold) waliin wal-fakkaatee eegala;
  • Laagaa/qoonqoo/liqimsituu keessa cicciniina; akka waan laagaan madaa’etti namatti dhaga’ama,
  • Gubaa qaamaa/leeyidaa (fever) namatti fida;
  • Laalaan maashaa/irree namatti dhagahama (muscle pain);
  • Hanga tokko garaa kaasaas namatti fiduu mala,
  • Yoo cime ammoo qufaa namatti heddummessa; dhiiga tufsiisa;
  • Dhuma irratti afuura nama kutee ajjeesuu danda’a.

Mallattoolee Gurguddoo Dhibee Koronaa: Qufaa, Ho’a Qaamaa fi Afuuraa Cituu

 

Ittisa Dhibee Daddarbaa Koronaa

Sadarkaa Nam-Tokkeetti:

  1. Dhimma hin barbaachifneef manaa bahuu dhiisuu;
  2. Amna/imala hin barbaachisne irraa of qusachuu;
  3. Bobbaa hojii ykn gabaa namni wal-keessa deemu keessatti afaanii fi funyaan ofii haguuggachuu;
  4. Fuula, ija, funyaanii fi afaan ofii harkaan xuxxuquu lagachuu;
  5. Bobbaa hojii ykn gabaa irraa gaafa galan otuu mana/mooraa hin seeniin harka ofii bishaanii fi saamunaadhaan qulqulleessanii dhiqachuu;
  6. Alaa fi manatti harka namaa qabuu dhiisuu;
  7. Bakka hojii fi gabaa keessatti nama kaan irraa meetira lama (2m) fagaachuu;
  8. Tuutaan walitti qabamuu dhiisuu; yoo baay’ate namoota shan (5) caalaa wal-gahuun hin ta’u; warri wal-gahes meetira lama lamaan wal-irraa fagaachuu qaba.

img 6 97e8c

Sadarkaa Maatiitti:

  1. Namni tokko maatii keessaa yoo dhukkubsate, maatii keessaa namni isa taajijilu tokko eeggannoo taasifamuu qabu kennuufiidhaan, qophaatti akka wal’aanamu taasisuu feesisa. Manni kutaa garagaraa yoo qabaate, kutaa tokko nama dhibee kanaan qabameef gad-dhiisuun barbaachisaa dha.
  2. Nama dhukkubsachiisuun alatti, kutaa nama dhibee kanaan qabamee keessa namni biroon akka hin seenne ykn haga danda’ame akka irraa fagaatu tolchuun dansa.
  3. Dhukkubsachiisaan nama dhibee kanaan qabames ofii isaas, fuuloo (mask) funyaanii fi afaan akka haguuggatu taasisuu qaba. Namni dhukkubsataa bira seenu marti fuuloo/maaskiin haguuggachuu qaba. Yoo maaskiin hin jiraanne ammoo kafana/huuccuu biroon afaanii fi funyaan haguuggachuun ni danda’ama.
  4. Yoo manni/caayaan kutaa hin qabu ta’e, nama dhibee kanaan qabame waliin namni heddummaatee buluu hin qabu. Yoo haala akkasii keessa namni tokko dhibee kanaan qabame, afaanii fi funyaan fuuloo ykn huccuun maratee namoota kaan irraa fagaachuun bakka qilleensa gahaa argatu, naannoo balbalaa ciisuu qaba.
  5. Qulqullina namaa, manaa, kutaa qaama itti dhiqatanii fi mana boolii mara eeguu feesisa. Yoo alkoolii ykn kilooriiniin jiraate sirnaan itti fayyadamuun sana booda bishaanii fi saamunaan yeroo yerootti qulqulleessuuun ni gorfama. Yoo alkoolii ykn kilooriiniin dhabame ammoo bishaan ho’aa fi saamunaadhaan qaama ofii dhiqachuu. Bakka itti qulqullina eeggatan ammoo bishaan danfaan qulqulleessuun barbaachisaa dha.
  6. Nama dhukkubsate tokkoof, meeshaa nyaata itti sooratuu fi ittiin bishaan dhugu qofaatti foyanii akka itti tajaajilamu taasisuun cinaattis meeshicha addatti qulqulleessuu feesisa.

Sadarkaa Gandaatti:

  1. Gandi tokko bakka abbaan warraa hedduun walitti dhiheenyaan jiraatani dha. Gandi kun laga ykn burqaa tokko irraa bishaan waraabbatu, gabaa tokkotti wal-gahu, horii bakka tokkotti bobbaafatu. Daa’immanis bakka tokkotti waliin taphataa oolu.
  2. Namni ganda tokko keessaa yoo utaalloo/donfofaan qabame dafee maatii fi ollaa isaa hubachiisee ofii isaa manatti of ittisuu qaba. Sana booda hanga fayyutti akka namni sadarkaa maatiitti armaan olitti ibsameen maatii isaatiin tajajilamuu tolchuu dha.
  3. Yoo ganda tokkotti maatii hedduu keessaa namni qabame, warra dhibee kanaan qabaman maatii irraa adda baasanii bakka tokkotti walitti fidanii qindoominaan tajaajiluu feesisa.
  4. Bakka rakkoo hawaasaa furuuf wal marihachuun barbaachisutti namoonni hamma 8-10 ta’an meetira lama lamaan wal-irraa fagaatanii mari’achuu danda`u. Garuu, namni mallattoo dhukkuba kanaa qabu gonkumaa wal-gahii irratti hirmaachuu hin qabu.
  5. Haala mallattoon dhibee kanaa ganda keessatti hin mul’atnetti, namni fayyaa qabu eeggannoo akka nam-tokkeetti godhamu taasisuun hojii isaa oyruu, qonna, makarachuu fi oomishachuu waan isa dhorgu hin jiru.
  6. Namni ganda tokko keessaa gara ganda biraa deemu akka dhibee kana bakka tokkoo fuudhee iddoo kaan hin geessine eeggannoo addaa gochuun barbaachisaa dha. Namni dhimma fardii hin taaneef wal-keessa deemuu dhorkuu dha.

Bakka Gabaatti:

  1. Gabaan bakka namootni araddaalee hedduu irraatii walitti dhufanii waa bitatanii fi itti gurguratani dha.
  2. Lafti gabaa bittaa fi gurgurtaan itti raawwatus ta’e iddoo jaarsooliin biyyaa itti wal-gahanii marihatan bifa dhibee kanaaf nama hin saaxilletti walirraa fagaachuu qabu.
  3. Namootni gabaa keessaa oomisha isaanii gurguratan meetira 3-5 wal irraa siqanii buufachuu qabu. Kanas wal hubannaadhaan sirna wal qabsiisuun barbaachisaa dha.
  4. Warri bitatus tartiibaan meetira 2 wal irra fagaatanii dabaree eggachuu qabu.
  5. Bakka suuqiin jiruttis namuu meetira lama-lama wal-irraa faffagaatee hiriira galee dhaabbachuun bittaa fi gurgurtaa ofii raawwachuu danda’uu qaba.
  6. Haala kamuu keessatti haxxiffachuu fi qufa’uun eeggannoon ta’uu qaba. Yoo mallattoon qufaa fi haxxiffannaa jiraate nama irraa siiquudhaan afaanii fi funyaan ofii dacha ciqileedhaan cuqqaalanii haxxiffachuun barbaachisaa dha.

Akkaataa itti dacha ciqileedhaan afaanii fi funyaan cuqqaalanii haxxiffatan

 

Qorichi Dhibee Koronaa ni Fayyisa Jedhamee Irratti Waliigalame Jiraa?

Hanga ammaati qorichi/qorsi/daawaan dhibee kana fayyisa jedhamee mirkanaawe addunyaan irratti waliif gale hin jiru. Talaalliin dhukkuba kana ittisus haga ammaatti hojii irra hin oolle. Kanaaf, falli inni duraa akka dhibeen kun nama hin qabne eegannoo taasisuu dha.

 

Maloota Tajaajila Wal’aansaa (Treatment Options)

Hanga har’aatti daawaan (qorichi) dhukuba kana fayyisa jedhamee irratti waliif galame hin jiru. Namoota kukula sombaa (pneumonia) cimaadhaan qabaman keessaa hammi tokko tajaajila gahaa yoo argatan torban 3-4 keessatti ni dandamatu. Namoota ofiif hafuura baafachu danda`an otuu afuurri isaanii hin citiin oksijiinii (oxygen) kennuufii jalqabuun ni barbaachisa. Sadarkaa kanatti oggeyyootni baay’een dhibamtootaaf qoricha Amoxicillin jedhamu laatu. Kunis, tarii baakteeriyaan fayyaa namaa irratti balaa fiduu danda’u itti dabalamee rakkoo hargansuu hammeessuu dandahu ittisuuf gargaara. Ogeessotni qoricha Ciprofloxacin jedhamus dhukkubsattootaaf kennanis ni jiru.

Qorannoon dhiheenya kana biyya Faransaay keessatti dhukkubsattoota 20 irratti gaggeeffame akka mul’isutti qoricha busaa Hydroxycloroquine (200mg guyyaatti si’a sadii) fi qoricha farra-baakteeriyaa (antibiotic) ta’e Azitromycin (guyyaa duraa 500mg, sanatti aansee 250mg guyyaa afuriif) walitti dhukkubsattootaaf kennameefii guyyaa 5 keessatti akka vaayirasii koronaa qaama dhukkubsattootaa keessaa balleesse agarsiisa. Qoricha ho’a qaamaa hir’isuuf ykn lagdaa kennamu ammoo paracetamol ta’uu qaba. Namoota dhukkubichaan qabamanii afuura baafachuun isaan rakkisu hamma bayyannatanitti meeshaa gargaarsa hargansuu (respirator machine) fayyadamuun barbaachisaa dha.

Namni dhukubsatee fayye madinii (immune) dha jedhamee yaadama, garuu biyyoota akka Chinaa fi Koryaa Kibbaa keessatti namooti marsaa lammataaf Vayrasii Koroonaa qabaman akka jiran gabaafamee jira.

 

Yaada Cuunfaa (Summary)

  1. Nama dhibee kanaan qabame eeggannoodhaan tajajiluun dirqama hawaasaati.
  2. Bakka tokkotti tuuta namoota 5 - 10 ol ta’an walitti qabamuu dhorkuun barbaachisaa dha.
  3. Namni kamuu metra 2 -3 wal irraa fagaatee deemuu fi taa’uu aadeffachuun mishaa dha.
  4. Nama bakka biraa irraa dhufu ykn karaa deemee galu tokko hawaasatti makammu isaa dura hanga bultii 10-14 addatti baafamee akka turu tolchuun mallattoolee dhukkubaa ilaalanii nagaa ta’uu fi dhiisuu isaa mirkaneessuun barbaachisaa dha.
  5. Harkaan wal qabanii wal dubbisuu dhiisuun baratamuu qaba. Nagaa akka waraanaatti fageenya irraa waliif kennuun dansa.
  6. Namni qufaa fi ho’a qaamaa qabu shaffisaan maatii fi naannoo isaatti gabaasee qofaatti of ittisuu qaba. Warri nama dhibee kanaan qabame waliin hariiroo qaamaan wal xuxxuquu qabanis hanga haalli isaa beekamuutti namoota fayyaatti makamu dhiisuu qabu.
  7. Miidiyaa yokaan sbaa-himaalee hordofuudhaan oddefannoo argachuun bakka dhukubni kun heddummaate irraa of fageessuun barbaachisaa dha.
  8. Namni dhukkubsataa tajajiluuf fuuloo(mask) fi harkee(gloves) fayyadamuun dirqama. Baka fuuloo fi harkeen hin jirretti, huucuu ykn kafana qilleensa seensisu (porous) danda’u jirbii keessa naqanii dachaa sadiin hodhaani dhimma itti ba’uun ni danda’ama.
  9. Harka dhiqachuu fi wal irraa fagaatanii jirachuun utubaa (pillar) ittisa vaayirasii kanaati. Kanaaf bakka dandaa’metti harka saamunaa fi bishaaniin dhiqachuun barbaachisaa dha.
  10. Bakka alkooliin (alcohol) jabaa isaa argamutti harka ofii ittiin haaxawwachuun vaayirasii kana ittisuuf gargaara.

Injifannoo Ummata Oromoof!