Voice of Independent Oromia - Podcast page - Sagantaa (Kurfii) RSWO sagalee qofaan
RSWO, SWO, Voice of Independent Oromia. Sagalee Walabummaa Oromiyaa. WBO, Qeerroo, QBO, ABO, OLF, OLA, Independence, Oromo, Podcast, Kurfii sagalee qofaan.
SWOn 1absoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf godhamu dhaadhessa. Odeessaalee wayitawaaf marsariitii keenya daawwadhaa. VIO, RSWO, SWO, Voice of Independent Oromia, Sagalee Walabummaa Oromiyaa, Birmadummaa, Gadaa, WBO, Qeerroo, QBO, ABO, OLF, OLA, Independence, Oromo, News, Oduu SWO, Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)
Marii Itti-aanaa Ajajaa WBO Konyaa Gujii Bahaa, Jaal Waaqomsaa Guutuu waliin taasifame: Waraanni Bilisummaa Oromoo Konyaa Gujii Bahaa keessa socho'u, tarkaanfilee lukkeelee diinaa fi qabeenya isaanii irratti kallaattiin fudhatu jabeessee itti-fufee jiraachuu.
-
-
Haala hidhamtoonni Oromoo yeroo ammaa kana manneen hidhaa Impaayera Itoophiyaa adda addaa keessatti hidhamanii jiran mudachaa jiran ilaalchisuun, marii Qeerroo Boonsaa Haayiluu, Miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, kan yeroo dheeraaf manneen hidhaa Impaayerattii garaagaraa keessatti hidhamuun gidirfamaa turee dhiheenya kana baafate, waliin taasifame.
-
-
Tarkaanfiin qabeenya diinaa irratti, Konyaa Gujii Bahaa keessatti, WBO’n fudhatamu jabaatee itti-fufuun, qabeenyaaleen (midhaan) aangawoota MKII kanneen shiraa fi hannaan dhuunfataman danuun WBO’n to’atamuun uummataaf qoodamuu; addatti ammoo, kuusaan midhaanii Bulchaa Ona Liiban, Obbo Mohammad Nuuraa Areeroo, kan Magaalaa Nageellee Booranaa keessatti argamu, Kibxata Fuulbana 7, 2021 gubamuu.
-
-
Barattoonni Oromoo Yunvarsitii Amboo, Damee Awwaaroo, Muummee Barnoota Lammummaa, eebbifamtoonni baranaa danuun, daafii qomee Artiist Hacaaluu Hundeessaa ofirraa qabuu fi dhahaan Gadaa irratti barreeffame uffataniif, Kibxata Fuulbana 7, 2021 har'aa tikoota MKII'n ukkaamfamuun hidhaatti darbamuu.
-
-
Konyaa Lixa Wallaggaa keessaa, Magaalaa Begii dabalatee, Onni Begii, Jimaata Fuulbana 3, 2021 irraa qabuun guutumatti to’annoo WBO jala galfamee jiraachuu. Lola PP fi HIT gidduutti adeemsifamaa jiruun wal-qabatee, Uummanni Oromoo Walloo rakkoo jabaa mudachaa jiraachuu.
-
-
Leenjii maqaa Gaachana Sirnaa jedhamuun, kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti Uummanni Oromoo dirqamaan akka leenji'u taasifamaa jiruun wal-qabatee, Konyaa Harargee Bahaa, Ona Haramaayaa, Magaalaa Awadaay keessatti, Uummanni Oromoo, Maanguddootaa fi Hawwan garaa qaban illee dabalatee, Poolisoota humna addaa, milishootaa fi dabballoota MKII'n dirqamsiifamuun, ispoortii isaaniif hin malle akka hojjetan taasifamuun, gidirfama hamaa mudachaa jiraachuu.
-
-
Lola hidhattoota Naannoo Affaarii fi Naannoo Amaaraan Oromoo Walloo irratti guyyoottan sadeen darban bifa haarayaan banamee jiruun, Oromoonni Walloo sagal (9) Ona Harxummaa Fursee keessatti ajjeefamuu; kanneen baay’inaan sanaa ol ta’an ammoo madeeffamuu.
-
-
-
-
-
-
-
-