Voice of Independent Oromia - Podcast page - Sagantaa (Kurfii) RSWO sagalee qofaan
RSWO, SWO, Voice of Independent Oromia. Sagalee Walabummaa Oromiyaa. WBO, Qeerroo, QBO, ABO, OLF, OLA, Independence, Oromo, Podcast, Kurfii sagalee qofaan.
SWOn 1absoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf godhamu dhaadhessa. Odeessaalee wayitawaaf marsariitii keenya daawwadhaa. VIO, RSWO, SWO, Voice of Independent Oromia, Sagalee Walabummaa Oromiyaa, Birmadummaa, Gadaa, WBO, Qeerroo, QBO, ABO, OLF, OLA, Independence, Oromo, News, Oduu SWO, Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)
Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO), Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Hawaasni Oromoo Walloo wal-tahiinsaan, guyyoota lamaan kana humnoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irratti fudhataniin, magaalonnii fi gandeen Konyaa Walloo keessatti argaman, kanneen akka: Borkennaa, Qal’oo, Booraa fi Haroo jedhaman WBOn dhuunfatamuu.
-
-
Loltoota MKII tumsuun humna Ittisaa Tigiraay akka waraanuuf jecha, namoonni dawoo amantaa fi Gadaan sossa’an Oromoon Walloo irratti dhibbaa jabaa taasisaa jiraachuu. Lolli Humna Ittisaa Tigiraay fi Loltoota MKII gidduutti adeemsifamus, Kaaba Oromiyaa Konyaa Walloo keessatti itti-fufee jiraachuu.
-
-
Gargaarsi dhaabbilee mit-mootummaa garaagaraa irraa hawaasa Oromoo beela’eef gara Gujii Bahaatti ergamu, aangawwoota MKII konyaa saniin mataa maramuun, kaayyoo ergameef hanqifamuun, dantaa dhuunfaa isaaniif oolfamaa jiraachuu. Hawaasni gargaarsi maleef, itti-gaafatamtoota buufataalee gargaarsaa quunnamanii rakkoo isaaniif furmaata argachuuf yaaliin isaan taasisani fashalsamuu fi qaamni komii isaanii keessummeessu dhabamuun, ammallee rakkoo wal-fakkaataa keessa kan jiran ta'uu.
-
-
Lolli Humna Ittisaa Tigiraay fi MKII gidduutti adeemsifamu, Kaaba Oromiyaa Konyaa Walloo keessatti itti-fufee jiraachuu. Uummanni Oromoo Walloos, gama loltoota PP goruun humna HIT akka waraanuuf jecha duulli ololaa jabaan irratti geggeeffamaa jiraachuu. PP'n loltoota isaa keessaa kanneen amanamoo ta'an filuun, bifaa fi uunkaan WBO fakkeessuun, kanneen baatileef mooraa leenjii waraanaa Sanqallee keessatti leenjisaa ture, Dilbata har'aa Giddu-gala Oromiyaa keessa bobbaasee jiraachuu.
-
-
Uummata Oromoo saboota ollaa waliin wal-irratti duulchisuun dadhabsiisaa, bara aangoo isaa dheereffachaa kan har’a ga’e Mootummaan Koloneeffataan Impaayera Itoophiyaa, Roobii kaleessaa (Onk. 20, 2021) ammoo, Poolisa Humna Addaa Sidaamaa hidhachiisuun, Hawaasa Oromoo Konyaa Gujii Bahaa Ona Girjaa keessa jiraatu irratti waraana bansiisee jiraachuu.
-
-
Kibba Oromiyaa, Konyaa Gujii Bahaa keessatti, Uummanni Oromoo daafii dheerachuu hongeen beela hamaaf saaxilamee jiraachuu. Dheerachuu hongee irratti dabalataan, gannoota afran darban irraa qabuun, gargaarsi dhaabbilee mit-mootummaa irraa taasifamaa ture, qabata deggersa WBOn, Hawaasa Oromoo Konyaa Gujii Bahaa keessa jiraatu irraa muramuun, hawaasni Oromoo kun hidhaa, dararaa fi ajjeechaa hamaaf saaxilamuun, balaa beelaa yeroo ammaa mudachaa jiru kanaaf sababa guddaa ta'uu.
-
-
Ajjeechaan qaama Faannoo jedhee of waamuun Uummata Oromoo irratti, Konyaa Matakkal keessatti raawwatamu itti-fufee jiraachuu. Lola WBO fi Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa gidduutti, Konyaa Gujii Lixaa, Magaalaa Bulee Horaa fi gandeen naannawa magaalichaatti argaman keessatti tibbana walitti-fufiinsaan adeemsifamaa turee fi wal-fudhannaa WBO fi Hawaasa Oromoo bakkasii. Duulli duguuggaa sanyii qindaawaan, ijaarsa Naannoo Amaaraa ‘Faannoo’ jedhamu, milishoota Naannoo Amaaraa fi harcaatota nafxanyaa kanneen Oromiyaa keessatti wal-horaniin, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Kiiramuu, Amuruu fi Guutoo Giddaa keessatti, Onkoloolessa 10, 2021 Uummata Oromoo irratti baname itti-fufee jiraachuu.
-
-
Duula duguuggaa sanyii, garee Faannoo jedhamu, akkasumas, Milishootaa fi Hawaasa Naannoo Amaaraan, Konyaa Matakkal, Ona Dibaax, Ganda Gaalessaa keessatti, Roobii kaleessaa (Onkoloolessa 13, 2021) Uummata Oromoo irratti banameen, aayyoo deessee ulmaa jirtu dabalatee, Oromoonni jaha (6) haala suukanneessan ajjeefamuu. Duula duguuggaa sanyii, Dilbata Onkoloolessa 10, 2021, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Kiiramuu, Magaalaa Haroo keessatti, humna Faannoo jedhamuu fi saba Amaaraa kanneen bakkas jiraataniin, Uummata Oromoo irratti banameen, lubbuun Oromoota kudha-sagalii (19) gaaga'amuu.
-
-
Duula duguuggaa sanyii, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Kiiramuu, Magaalaa Haroo keessatti, humna ‘Faannoo’ jedhamu, kan hidhannoo guutuun Naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaatti seensifamee fi saba Amaaraa kanneen bakkas jiraataniin, Uummata Oromoo irratti, Dilbata Onkoloolessa 10, 2021 banamee, hanga Kibxata har’aatti walitti fufiinsaan deemaa jiruun, maatii Oromoo tokko irraa qofa namoonni 17 haala suukanneessaan ajjeefamuu.
-
-
Dhukaasa Oromoota Jimaata Onkoloolessa 8, 2021, Konyaa Gujii Bahaa, Ona Gumii Eldalloo, Ardaa Qaallittii keessatti, Irreeffannaaf bobba’an irratti, LMKIIn banameen, Sirni Irreechaa sun goolamuun addaan bittinneeffamuu; Oromoonni Irreeffachuuuf ba’an muraasnis achi-buuteen isaanii hanga guyyaa har’aatti kan hin beekamin ta’uu.
-
-