Sagantaa - Dilbata Adoolessa 11, 2021

Audio Player Thumb
Sagalee Walabummaa Oromiyaa • Voice of Independent Oromia VIO • SWO
playlist

Dargaggoonni Oromoo 6 rasaasa Poolisootaa fi Milishoota MKII’n galaafatamuu

Dhukaasa Jimaata Adoolessa 9, 2021, dargaggoota Oromoo nagaa irratti, Poolisoota Humna Addaa [Oromiyaa] fi Milishoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan, Konyaa Lixa Wallaggaa, Ona Ganjii, Ganda Ganjii Deembii, iddoo addaa Janjamoo jedhamutti banameen, dargaggoonni Oromoo ja’a (6) iddoo tokkotti galaafataman.

Dargaggoonni Oromoo ja’an ajjeefaman, maqaan isaanii: Gammachuu Habtee, Abbush Abarraa, Barrihuun Balaay, Ismaa’el Darajjee, Sambataa Maammoo, fi Kidaanuu Bulchaa akka jedhaman nuuf eeruun, itti-fufuunis, dargaggoonni kun WBO deggeran sababa jedhuun, dhukaasa hidhattoota MKII – Poolisoota Humna Addaa Oromiyaa jedhamanii fi Milishootaan – iddoo nagaan waliin taa'anii haasa'aa jiranitti isaan irratti roobsameen bakka tokkotti ajjeefaman jechuun nutti himani, Oromtichi bilbilaan Ona Ganjii irraa odeeffanne.

Sagantaa keenya kana suur-sagaleen hordofuu dandeessu.