Uummanni Oromoo, goototaa fi qabsaa'ota ilmaan isaa, kanneen qabsoo walabummaa biyya isaanii Oromiyaa fi bilisummaa saba isaanii Oromoof taasisan irratti wareegaman bifa kamiin yaadachuu qaba? Kaayyoon gootota wareegamtoota Oromoo yoom guuta? Uummanni Oromoo galma qabsoo isaa ga'uuf maal gochuu qaba?… Marii Oromticha tokko waliin taasifame.
Baqattoota Oromoo biyya Suudii Arabiyaa keessa jiraatan, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman, Waxabajjii 10, 2021 irraa eegaluun Magaalota Jiddaa fi Riyaad keessatti hidhamanii gidirfamaa jiran keessaa kanneen kuma-lamatti tilmaaman tibbana gara biyyaatti galfamuu, kanneen mana hidhaa Suudii keessatti hafanii jiran ammoo, soorata ga'aa dhorkamuun haala hamaa mudachaa jiraachuu. Odeessa Oromticha biyya Suudii Arabiyaa jiraatu irraa bilbilaan arganne.