Filannoon shiraa Mootummaa Koloneeffataan Impaayera Itoophiyaa (PP’n) Wiixata kaleessaa (Waxabajjii 21, 2021) akka adeemsifametti himamu, Onoota Konyaa Gujii Bahaa keessatti argaman garaagaraa keessatti, tarkaanfii WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoon buufataalee filannoo irratti fudhatameen gufachiifamuu.

Qabata boobii Dilbata Waxabajjii 20, 2021 halkan, Konyaa Harargee Bahaa, Ona Oborraa, Magaalaa Kaarraamillee keessatti dabballoota MKII’n dhoofameen, Oromoonni qulqulluun hidhamuu fi dararamuu.

Kaaba Oromiyaa, Konyaa Walloo keessatti ammoo, Uummanni Oromoo filannoo shiraa kana guutummaa guutuutti lagachuun fashalsuu.