Gidirfamni Mootummaan Koloneeffataan Impaayera Itoophiyaa daangaa darbuun, Uummata Oromoo biyyoota ormaatti baqatanii jiran irratti raawwatu torbee darbe irraa qabuun, gama Biyya Arabaatti daran hammaachuun, baqattoonni Oromoo biyya Saa’udii Arabiyaa keessa jiraatan, kanneen kumaatamaan lakkaa’aman, Kamisa Waxabajjii 10, 2021 irraa qabuun hanga har’a, Waxabajjii 17, 2021’tti, mana hidhaa Magaalaa Jiddaa keessatti argamutti hidhamuun dararamaa jiraachuu.

Oromoonni hidhamanii jiran kunis gara biyya isaanii, Oromiyaatti akka hin deebifamne, akkasumas, mana hidhaa sana keessatti nyaataa fi bishaan dhugaatii ga’aa akka hin argannee fi bilbilli moobaayilaa isaanii eegdota mana hidhaa sanaan akka harkaa fudhatamuuf, Imbaasii Mootummaa Itoophiyaa biyya Saa’udii Arabiyaatiin eegdota/ajajoota mana hidhaa biyyasiif ajajni kennamee kan jiru ta’uu.


Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Kamisa Fuulbana 16, 2021

Sagantaa Kibxata Fuulbana 14, 2021

Sagantaa Dilbata Fuulbana 12, 2021

Sagantaa Kamisa Fuulbana 9, 2021

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa