Kaardiin filannoo ammaan dura dirqiin Uummata Oromoof kenname, Gandeen Onoota Konyaa Gujii Lixaa keessatti argaman garaagaraa keessaa, dabballoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan, dirqiin Uummata Oromoo harkaa guuramaa jiraachuu.
Uummata Oromoo Walloo maqaa araaraan sossobanii hidhannoo hiikkachiisuun duguuggaa sanyii irratti raawwatamu daran hammeessuuf jecha shirri xaxamu bifa haarayaan qindeeffamuun hojiitti seensifamee jiraachuu.