Gandeen Onoota Konyaa Gujii Lixaa keessatti argaman garaagaraa keessaa, kaardiin filannoo, dabballoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan, Uummata Oromoo harkaa guuramaa jiraachuu.

Hidhaan, dararaa fi ajjeechaan, akkasumas mancaafamni, Uummata Oromoo fi qabeenya isaa irratti, Giddu-gala Oromiyaa, Ona Gindabarat keessatti raawwatamu hammaatee itti-fufee jiraachuu.

Shamarreen Oromoo – Barattuu Yuunvarsitii Riifti Vaalii, damee Magaalaa Naqamtee – Yuunvarsitii itti barattu duratti, Jimaata, Waxabajjii 11, 2021 konkolaataa Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan rukutamuun ajjeefamuu.