Wallisaan Oromoo, Damisee Moosisaa, Dilbata Waxabajjii 6, 2021, Poolisoota Humna Addaa Oromiyaa (Tikoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan) Magaalaa Naqamtee keessaa butamuun achi-buteen isaa hin beekamin jiraachuu.

Warraaqsi Galaana Ummataa, Waxabajjii 8, 2020 labsamee, bifa garaagaraan adeemsifamaa jiru, tibbana Kutaalee Oromiyaa guutuu keessatti akka finiinfamuuf, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo maraaf waamichi taasifamee jiraachuu, iddoowwan muraasattis duruu eegalee jiraachuu.

Ajjeechaa Qarrittii Oromoo, Seenaa Raggaasaa irratti Sanbata (Waxabajjii 5, 2021) halkan, Giddu-gala Oromiyaa Magaalaa Gincii keessatti raawwatame ilaalchisuun, eenyummaa qaama ajjeechaa kana raawwatee fi akkaataa ittiin ajjeechaan kun raawwatame qulqulleessuuf iyyaafannoo taasifame.