Album cover

Kurfii RSWO - sagalee qofaan

RSWO · VIO
00:00 00:00

Tarkaanfii WBO: Magaalaa Naqamtee fi naannoo sanitti

Tarkaanfii WBO’n, Magaalaa Naqamtee fi Onoota Konyaa Baha Wallaggaa keessatti argaman garaagaraa keessatti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayerattii irratti, guyyoota sadan darban fudhateen, Loltoonni MKII danuun galaafatamuu.

Tarkaanfii kanaan kan rifatan loltoonni mootummichaa, dargaggoo Oromoo tokko, Magaalaa Naqamtee keessatti rasaasaan erga rukutanii booda, mataa isaa irra konkolaataa oofanii buruksuun, haala suukanneessaan ajjeesuu.

Hammaachuu hidhaa fi ajjeechaa Loltoota MKII

Hidhaa fi dararaan Uummata Oromoo Walloo irratti raawwatamu akka-malee hammaachuun, manneen hidhaa guutanii, Oromoonni manneen barnootaa keessatti hidhamaa jiraachuu.

Gama kaaniin, miseensonni Raayyaa Ittisaa fi Poolisii Humna Addaa [Oromiyaa], kanneen dhiigaan Oromoo ta'an danuun milishootaa fi Faannoo Naannoo Amaaraan ajjeefamuu; danuun isaanii ammoo Hawaasa Oromoo Wallootti baqachuu.

Gindabarat: Haala hamtuu Uummani Oromoo keessa jiru

Saamichi qabeenyaa, akkasumas, hidhaa fi dararaan, Lixa Shaggar, Ona Gindabarat, Ganda Taraaraa jedhamtu keessatti, Uummata Oromoo irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu.


00:00/00:00
Kurfii RSWO - sagalee qofaan

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa