Album cover

Kurfii RSWO - sagalee qofaan

RSWO · VIO
00:00 00:00

Uggura neetorkii fi haala hamaa Uummanni Oromoo keessa jiru

Uggura neetorkii bilbilaa fi intarneetaa, guutuu Konyaa Walloo irratti taasifamee jiruun wal-qabatee, Uummanni Oromoo Walloo rakkoo hamaaf saaxilamee jiraachuu.

Daafii addaan-citiinsa tajaajila quunnamtii neetorkii bilbilaa fi intarneetaan, haala Uummanni Oromoo Walloo keessa jiru ilaalchisuun odeessa qabatamaa bakkasii argachuun dadhabamullee, odeessa dhalattoota Walloo, biyyoota ambaa keessa jiraachaa jiran irraa arganneen, haleellaan humna xiyyaaraa fi waraana lafoon Uummata Oromoo Walloo irratti raawwatamu itti-fufee jiraachuu mirkaneeffachuun danda'amee jira.

Barattoota Oromoo dirquun gara dirree waraanaatti

Saamichi qabeenyaa fi dararaan, Konyaa Arsii Lixaa, Ona Shaashamannee keessatti, qaamota Mootummaa Impaayerattiin Uummata Oromoo irratti raawwatamu akkaan hammaachuu. Dabalataanis, barattoonnii fi dargaggoonni Oromoo, qabata leenjii Gaachana Sirnaa jedhamuun dirqisiifamuun gara mooraa leenjii waraanaatti, achiis, dirree waraanaatti bobbaafamaa jiraachuu.

Odeessa gama Finfinneen jiru

Hidhaa fi dararaan Hawaasa Oromoo Magaalaa Finfinnee keessa jiraatu irratti raawwatamu akkaan haammaachuun, Uummanni Oromoo haala rakkisaa keessa jiraachuu


00:00/00:00
Kurfii RSWO - sagalee qofaan

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa