Album cover

Kurfii RSWO - sagalee qofaan

RSWO · VIO
00:00 00:00

Abbaan Bokkuu fi qaamonni Gadaa Karrayyuu 13 ajjeefamuu

Qaamota Gadaa Karrayyuu, baay’inaan Soddomii-Sagal (39) ta’an, kanneen Roobii Mudde 1, 2021 quubsuma Abbootii Gadaatii butaman keessaa, Abbaa Bokkuu Karrayyuu, Abbaa Gadaa Kadiroo Hawaas Boruu dabalatee, namoonni Kudha-Afur (14), galgaluma gaafasii, gara Ona Booset, iddoo Aanolee jedhamuun waamamuutti geeffamuun, bakka tokkotti, haala suukanneessaan ajjeefamuu.

Oromoota buufata Abbootii Gadaa irraa butamanii, ajjeefamuuf gara Aanoleetti geeffaman keessaa, Oromoonni Lama (2) battala ajjeechaan raawwatamuu eegaleen, fiiganii baafachuun, halkan Roobii sana gara qe'ee irraa butamaniitti deebi'uu. Qaamonni Gadaa Karrayyuu Digdamii-Sadii (23) ammoo achi-buutee dhabamsiifamanii jiraachuu.

Hidhattoonni jalqaba dhaqanii quubsuma Abbootii Gadaa Karrayyuu weeraran, uffata Poolisii Humna Addaa Oromiyaa haa uffataniyyuu malee, milishoota Naannoo Amaaraa ta'uu akka hin oolle kan dubbatu, miseensota Gadaa Karrayyuu lameen, kanneen afaan qawwee jalaa fiiganii baafatan keessaa tokko kan ta'edha.


00:00/00:00
Kurfii RSWO - sagalee qofaan

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa