Album cover

Kurfii RSWO - sagalee qofaan

RSWO · VIO
00:00 00:00

Abbaan Bokkuu fi qaamonni Gadaa Karrayyuu 40ni butamuu

Abbaa Bokkuu Karrayyuu dabalatee, qaamonni Gadaa Karrayyuu Afurtamni (40), Roobii kaleessaa (Mudde 1, 2021) qe'ee Abbaa Bokkuu keessaa butamuun, achi-buutee dhabamsiifamuu.

Odeessa biraatiin, lolli WBO fi Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itophiyaa gidduutti, Sadaasa 29, 2021 baname, ilaa har'aatti itti-fufiinsaan geggeeffamaa jiraachuu.


Duguuggaan sanyii qindaawaan, Loltoota MKII fi humnoota finxaaleyyii Amaaraa kanneen bakkas jiraatanii fi kanneen mootummaan leenjisee, hidhachiisee Naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaatti seensiseen, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Ayyaanaa keessatti, Uummata Oromoo irratti raawwatamu akkaan hammaatee itti-fufee jiraachuu.

Ona Giddaa Ayyaanaa, Ganda Gaattiraa jedhamuun waamamu keessatti qofa, lubbuun Oromootaa baay'inaan 200 olitti tilmaamamu gaaga'amuu; Oromoonni baay'inaan 600 olitti tilmaaman qe'ee ofii irraa buqqifamuu; manneen jireenyaa danuunis barbadeeffamuu.

Raayyaan Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itophiyaa, reeffa Oromoota finxaaleyyii Amaaraan ajjeefamanii danuu ibiddaan gubuu, kaanis dhidhimsuu.


Haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddaa halaalaa furguggifamaniin, Uummata Oromoo irratti, Konyaa Gujii Bahaa, Ona Liiban, Ganda Gurraa Dheeraa jedhamu keessatti raawwatamaa jiruun, lubbuun namaa gaaga'amaa, qabeenyis barbadeeffamaa jiraachuu.


00:00/00:00
Kurfii RSWO - sagalee qofaan

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 12, 2021

Link-4

Sagantaa Kamisa Mudde 9, 2021

Link-1

Sagantaa Kibxata Mudde 7, 2021

Link-2

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa