Album cover

Kurfii RSWO - sagalee qofaan

RSWO · VIO
: :

Ajjeechaan Uummata Oromoo irratti raawwatamu akkaan hammaachuu

Dargaggoonni Oromoo baay’inaan jaha ta’an, Konyaa Baha Wallaggaa Ona Gobbuu Sayyoo keessatti Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan ajjeefamuu.

Dargaggoota ajjeefaman keessaa lama ganda Baafannoo jedhamu irraa qabamanii mana hidhaa Magaalaa Aannoo keessatti argamu keessatti hidhamuun dararamaa erga turanii booda Roobii Sadaasa 10, 2021 mana hidhaa keessaa baafamuun ajjeefamuun, reeffi isaanii bakkeetti kan gatame ta’uu.

Odeessa biraatiin, ajjeechaan suukanneessaan LMKIIn Uummata Oromoo irratti raawwatamu jabaatee itti-fufuun, Jimaata Sadaasa 12, 2021 Konyaa Lixa Wallaggaa, Ona Gimbii, bakka Dhagaa Dhaabbii jedhamutti, daa'imni ganna kudhanii tokko haadha isaa biraa qabamuun ajjeefamuu. Haati isaa reeffa ilma ishee illee akka lafaa hin kaafanne dhorkamuun, reeffi ilma ishee bineensaan nyaatamuu.


Sochii WBO fi haala Uummanni Oromoo keessa jiru

Gandeen baadiyyaa Ona Gujii Lixaa keessatti argaman, kanneen baay'inaan 400 ol ta'an WBOn bilisoomfamuun, Uummanni Oromoo yeroo ammaatti jiruu fi jireenya ofii nagayaan geggeeffachaa jiraachuu.


Harka-kennannaa Poolisoota Humna Addaa

Poolisoonni Humna Addaa [Oromiyaa] kanneen Ona Gimbii fi naannawa san keessa maandheffatanii jiran keessaa torba mootummaa isaan bobbaase ganuun WBO'tti harka kennachuu.

00:00/00:00
Kurfii RSWO - sagalee qofaan

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Sagantaa Kamisa Mudde 2, 2021

Link-4

Sagantaa Kibxata Sadaasa 30, 2021

Link-1

Sagantaa Dilbata Sadaasa 28, 2021

Link-2

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa