Matakkal: Oromoonni 6 garee Faannoo jedhamuun ajeefamuu

Duula duguuggaa sanyii, garee Faannoo jedhamu, akkasumas, Milishootaa fi Hawaasa Naannoo Amaaraan, Konyaa Matakkal, Ona Dibaax, Ganda Gaalessaa keessatti, Roobii kaleessaa (Onkoloolessa 13, 2021) Uummata Oromoo irratti banameen, aayyoo deessee ulmaa jirtu dabalatee, Oromoonni jaha (6) haala suukanneessan ajjeefamuu.


Gaaga’ama lubbuu fi mancaafama qabeenyaa gareen Faannoo qaqqabsiisaa jiru

Duula duguuggaa sanyii, Dilbata Onkoloolessa 10, 2021, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Kiiramuu, Magaalaa Haroo keessatti, humna Faannoo jedhamuu fi saba Amaaraa kanneen bakkas jiraataniin, Uummata Oromoo irratti banameen, lubbuun Oromoota kudha-sagalii (19) gaaga'amuu.

Akkasumas, kanneen Ganda Caffee Guddinaa irraa buqqa'an dabalatee, Oromoonni baay'inaan Kuma-Kudhanitti tilmaamaman qe'ee ofiirraa buqqa'uu; qabeenyi qarshii Kitila-dhibbaatamatti shallagamus saamamuu fi barbadeeffamuu.

Guyyoota lamaan kana ammoo, duulli kun, gara Onoota Konyaa Baha Wallaggaa keessatti argaman, kanneen akka: Guutoo Giddaa fi Amuruutti babal'achuun, Ona Guutoo Giddaa, iddoo Mandaraa 24 jedhamuun waamamutti, Oromoonni baay'inaan Shantama (50) ta'an, humnoota Finxaaleyyii Amaaraatiin ajjeefamuu.


Haati Oromoo tokko, boombii qaamota MKIIn mana isheerratti darbameen galaafatamuu

Boombii harkaa qaamota MKIIn, Konyaa Qeellem Wallaggaa, Ona Jimmaa Horroo, Magaalaa Jimmaa Horroo keessatti, mana jireenyaa isaanii irratti darbatameen, Haati-warraa (Aadde Masarat) lubbuun darbuu, Abbaan-warraa (Obbo Ayyaanaa Hordofaa) ammoo madaa'uun, wal'aansaaf gara Hospitaala Gimbiitti geeffamee jiraachuu.

Sagantaa (Kurfii) RSWO Kamisa Onkoloolessa 14, 2021

Maxxansoota suur-sagalee tibbanaa

Maxxansoota sagalee tibbanaa

Sagantaa Dilbata Mudde 5, 2021

Link-3

Sagantaa Kamisa Mudde 2, 2021

Link-4

Sagantaa Kibxata Sadaasa 30, 2021

Link-1

Sagantaa Dilbata Sadaasa 28, 2021

Link-2