
Barattoonni Oromoo Yuun. Dabra Taabor rakkoo hamaa keessa jiraachuu
Barattoonni Oromoo Yuunbarsitii Dabira Taaboritti baratan, doorsisa Poolisoota Humna Addaa Naannoo Amaaraa fi uummata biyyasiin isaan irra geessifamaa jiruun wal-qabatee, yaaddoo nageenyaa hamaa keessa jiraachuu.
Hidhaa fi dararaan, akkasumas, wal'aansa fayyaa dhorkamuun Baqattoota Oromoo Biyya Suudii keessa jiraatan irratti mootummaa biyyasiin raawwatamu daran jabaatee itti-fufee jiraachuu.
Waraana garee humnoota Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, gam-kaaniin immoo, humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) gidduutti geggeeffamaa jiru irratti, Dargaggoonni Walloo gara garee humnoota MKII fi Mootummaa Naannoo Amaaraa goranii humna Naannoo Tigiraay irratti akka duulaniif; Uummanni Oromoo Walloos WBO of keessaa akka baasuuf bifa garaagaraan sossobamaa fi doorsifamaa jiraachuu jiraachuu.