Voice of Independent Oromia - Podcast page - Sagantaa (Kurfii) RSWO sagalee qofaan
RSWO, SWO, Voice of Independent Oromia. Sagalee Walabummaa Oromiyaa. WBO, Qeerroo, QBO, ABO, OLF, OLA, Independence, Oromo, Podcast, Kurfii sagalee qofaan.
SWOn 1absoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf godhamu dhaadhessa. Odeessaalee wayitawaaf marsariitii keenya daawwadhaa. VIO, RSWO, SWO, Voice of Independent Oromia, Sagalee Walabummaa Oromiyaa, Birmadummaa, Gadaa, WBO, Qeerroo, QBO, ABO, OLF, OLA, Independence, Oromo, News, Oduu SWO, Sagalee Walabummaa Oromiyaa (SWO)
Konyaa Lixa Wallaggaa, Magaalaa Qondaalaa fi Begii dabalatee, Gandeen baadiyyaa Ona Qondaalaa fi Ona Begii jalatti argaman, kanneen baay’inaan torbaatamaa (70) ol ta’an to'annoo WBO jala erga galfamanii baatii tokkoo ol lakkoofsisanii kan jiran ta’uu.
Published: 16 December 2021
Saamichi qabeenyaa fi dararaan Uummata Oromoo irratti, Kibba-Baha Oromiyaa, Konyaa Arsii Lixaa keessatti, aangawoota, milishootaa fi loltoota mootummaa Impaayerattiitiin raawwatamu akkaan hammaachuu. Dabalataanis, Hawaasni Oromoo leenjii 'Gaachana Sirnaa' jedhamuun gidirfama ulfaataa mudachaa jiraachuu.
Published: 14 December 2021
Tarkaanfii WBO’n, Magaalaa Naqamtee fi Onoota Konyaa Baha Wallaggaa keessatti argaman garaagaraa keessatti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayerattii irratti, guyyoota sadan darban fudhateen, Loltoonni MKII danuun galaafatamuu.
Published: 12 December 2021
Saamichi qabeenyaa qabata gargaarsa Loltoota Mootummaa Impaayerattiitiin, akkasumas, hidhaa fi dararaan qabata deggersa WBO fi daafii hafiinsa leenjii "Gaachana Sirnaa" jedhamuun, Baha Oromiyaa, Ona Dirree Xiyyaaraa keessatti, Uummata Oromoo irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu.
Published: 09 December 2021
Daafii addaan-citiinsa neetorkiin, haala Uummanni Oromoo Walloo keessa jiru ilaalchisuun odeessa qabatamaa bakkasii argachuun dadhabamullee, odeessa dhalattoota Walloo, biyyoota ambaa keessa jiraachaa jiran irraa dhaga'amaa jiruun, haleellaan humna xiyyaaraa fi waraana lafoon Uummata Oromoo Walloo irratti raawwatamu itti-fufee jiraachuu mirkaneeffachuun danda'amee jira.
Published: 07 December 2021
Qaamota Gadaa Karrayyuu, baay’inaan Soddomii-Sagal (39) ta’an, kanneen Roobii Mudde 1, 2021 quubsuma Abbootii Gadaatii butaman keessaa, Abbaa Bokkuu Karrayyuu, Abbaa Gadaa Kadiroo Hawaas Boruu dabalatee, namoonni Kudha-Afur (14), galgaluma gaafasii, gara Ona Booset, iddoo Aanolee jedhamuun waamamuutti geeffamuun, bakka tokkotti, haala suukanneessaan ajjeefamuu.
Published: 05 December 2021
Duguuggaan sanyii qindaawaan, Loltoota MKII fi humnoota finxaaleyyii Amaaraa kanneen bakkas jiraatanii fi kanneen mootummaan leenjisee, hidhachiisee Naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaatti seensiseen, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Ayyaanaa keessatti, Uummata Oromoo irratti raawwatamu akkaan hammaatee itti-fufee jiraachuu
Published: 02 December 2021
Haleellaan humna xiyyaaraan, Hawaasa Oromoo hidhanno-maleessa irratti, Konyaa Baha Wallaggaa, Onoota: Giddaa, Limmuu, Kiiramuu fi Jaanjir jedhaman keessatti, Wiixata kaleessaa (Sadaasa 29, 2021) eegale, Kibxata har’aas itti-fufee ooluu.
Published: 30 November 2021
Haleellaan humna xiyyaaraa fi meeshaalee waraanaa gurguddaan raawwatamu jabaatee itti-fufuun wal-qabatee, addaan citiinsa ibsaa fi quunnamtii neetorkii mudateen, Uummanni Oromoo Walloo rakkoo hamaaf saaxilamee jiraachuu.
Published: 28 November 2021
Eebba WBO Zoonii Kibbaa, maqaa Marsaa Bilisummaa ykn Imala gara Finfinnee jedhuun, Roobii kaleessaa (Sadaasa 24, 2021) raawwatamee fi tarkaanfii WBO giddu-gala taasifachuun, marii Dubbi-himaa Cibraa Soddom-Booroo, Jaal Boorataa Abbaa Biyyaa waliin taasifame.
Published: 25 November 2021