Lola tibbana adeemsifameen, Loltoonni Mootummaa Eertiraa WBO’n booji’amuu
Lola WBO, fi LMKII fi Loltoota Mootummaa Eertiraa gidduutti, Konyaa Baha Wallaggaa, Onoota kanneen akka Haroo Limmuu fi Eebantuu keessatti tibbana adeemsifameen, Loltoonni Mootummaa Eertiraa WBO’n booji’amuu. Qotatee-bultoonni Oromoo 5, Roobii kaleessaa (Waxabajjii 9, 2021) Giddu-gala Oromiyaa, Ona Gindabarat, Ganda baadiyyaa Bashee, naannoo Mana Barumsaa jedhamutti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan ajjeefamuu.
Warraaqsi Galaana Uummataa akka finiinfamuuf waamichi taasifamuu
Warraaqsi Galaana Ummataa, Waxabajjii 8, 2020 labsamee, bifa garaagaraan adeemsifamaa jiru, tibbana kutaalee Oromiyaa guutuu keessatti akka finiinfamuuf, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo maraaf waamichi taasifamee jiraachuu, iddoowwan muraasattis duruu eegalee jiraachuu.
Ajjeechaa Qarree Oromoo, Seenaa irratti Poolisoota MKIIn raawwatame
Qarreen Oromoo, Seenaa jedhamtu, Giddu-gala Oromiyaa Magaalaa Gincii keessatti, halkan edaa (Waxabajjii 5, 2021) Poolisoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan manaa fuudhamtee, ajjeefamuun reeffi ishee bakkeetti gatamuu, sirni awwaalchaas akka hin raawwatamneef dhorkamuun, hanga galgala har’aattillee hin awwaalamin jiraachuu.
Hawwan Oromoo 18 dabalatee, Oromoonni dhibbaan lakkaa’aman hidhamuun dararamaa jiraachuu
Hawwan Oromoo baay’inaan 18 ta’an dabalatee, Oromoonni dhibbaan lakkaa’aman, Magaalaa Begii, Koborii fi gandeen baadiyyaa Ona Begii keessaa guuramuun, Magaalaa Begii keessatti hidhamuun dararamaa jiraachuu. Daa’imni Oromoo ganna sagalii, Margaa Fiqiruu jedhamu, dhaanicha hamaa poolisoota MKII’n, Magaalaa Najjoo keessatti, torbee darbe irratti raawatameen miidhamee deggersa uummataan hospitaala seensifamee wal’aansi taasifamuufis bayyanachuu dadhabuun, Kibxata (Waxabajjii 1, 2021) lubbuun isaa darbuu.
Debunking the Myth that Abiy Ahmed’s Regime Is an Oromo Government
Nothing is more irritating, condescending and despicable than saying to Oromos that Abiy’s regime is their government. Starting from his childhood as a child soldier of TPLF at the age 15, up to the present (after his selection by the EPRDF to the position of Prime Minister), Abiy has always been and remains a killer of…
Call to the international community to stop state-sponsored terrorism against the Oromo people by Ethiopian gov
Abiy Ahmed’s and his ruling clique’s grand plan since they came to power has been pretty obvious; they claim credit for the sacrifice the Oromo youth made that brought them to power, fake openness and democratic dispensation to get hold of and incarcerate opposition forces engaged in armed struggle…
Filannoon sobaa, Saba Oromoo bakka hin bu’u
Filannoon kun dorgommii nafxanyoota jidduutti godhamaa jiru malee filannoo sabaaf sab-lammoonni Impaayera Itoophiyaa keessa jiran keessatti hirmaatan miti. Kanaafuu, Oromoon filannoo sobaa kanarratti qooda fudhachuun, Oromummaa fi Oromiyaa irratti murtii du’aa…
Hordoftoonni Amantaa Muslimaa dirree Ammasqalaa dhorkatamuu
Hordoftoonni Amantaa Muslimaa, Ayyaana Sooma Hiikkaa (Iid-Alfaxir) kan bara kanaa, haaluma amaleeffatameen, Dirree Ammasqalaa Finfinneetti kabajuuf eeyyama isaan gaafatan mootummaan dhorkatamuu…
Page 11 of 87