Go to GoFundMe to donate.
Haala hidhamtooti Oromoo keessa jiran: Qeerroo Boonsaa Haayiluu waliin marii
Haala hidhamtoonni Oromoo yeroo ammaa kana manneen hidhaa Impaayera Itoophiyaa adda addaa keessatti hidhamanii jiran mudachaa jiran ilaalchisuun, marii Qeerroo Boonsaa Haayiluu, Miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, kan yeroo dheeraaf manneen hidhaa Impaayerattii garaagaraa keessatti hidhamuun gidirfamaa turee dhiheenya kana baafate, waliin taasifame.
Midhaan shiraan kuufame WBO’n to’atamuun uummataaf qoodamuu
Tarkaanfiin qabeenya diinaa irratti, Konyaa Gujii Bahaa keessatti, WBO’n fudhatamu jabaatee itti-fufuun, qabeenyaaleen (midhaan) aangawoota MKII kanneen shiraa fi hannaan dhuunfataman danuun WBO’n to’atamuun uummataaf qoodamuu; addatti ammoo, kuusaan midhaanii Bulchaa Ona Liiban, Obbo Mohammad Nuuraa Areeroo, kan Magaalaa Nageellee Booranaa keessatti argamu, Kibxata Fuulbana 7, 2021 gubamuu.
Barattoonni Oromoo Y/Amboo Damee Hacaaluu Hundeessaa danuun hidhamuu
Barattoonni Oromoo Yunvarsitii Amboo, Kaampaasii Hacaaluu Hundeessaa, Muummee Barnoota Lammummaa, eebbifamtoonni baranaa danuun, daafii qomee Artiist Hacaaluu Hundeessaa ofirraa qabuu fi dhahaan Gadaa irratti barreeffame uffataniif, Kibxata Fuulbana 7, 2021 har’aa tikoota MKII’n ukkaamfamuun hidhaatti darbamuu.
Onni Begii guutumaa-guutuutti to’annoo WBO jala galfamee jiraachuu
Konyaa Lixa Wallaggaa keessaa, Magaalaa Begii dabalatee, Onni Begii guutumatti, Jimaata Fuulbana 3, 2021 to’annoo WBO jala galfamuu. Lola PP (Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa) fi HIT (Humna Ittisaa Tigiraay) gidduutti adeemsifamaa jiruun wal-qabatee, Uummanni Oromoo Walloo rakkoo hedduu mudachaa jiraachuu.
Uummanni Oromoo leenjii ispoortii hin malleen dararamaa jiraachuu
Leenjii maqaa Gaachana Sirnaa jedhamuun, kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti Uummanni Oromoo dirqamaan akka leenji’u taasifamaa jiruun wal-qabatee, Konyaa Harargee Bahaa, Ona Haramaayaa, Magaalaa Awadaay keessatti, Uummanni Oromoo ispoortii hin malle akka hojjetu dirqisiifamuun, gidirfama hamaa mudachaa jiraachuu.
Oromoonni Walloo 9 milishoota Naannoo Affaarii fi Amaaraan ajjeefamuu
Lola hidhattoota Naannoo Affaarii fi Naannoo Amaaraan Oromoo Walloo irratti guyyoottan sadeen darban bifa haarayaan banamee jiruun, Oromoonni Walloo sagal (9) Ona Harxummaa Fursee keessatti ajjeefamuu; kanneen baay’inaan sanaa ol ta’an ammoo madeeffamuu.
Hariiroo WBO fi HIT gidduutti uumame ilaalchisuun marii taasifame
Hariiroo WBO fi Humna Ittisaa Tigiraay (HIT) gidduutti dhiheenya kana uumame ilaalchisuun marii Hayyuu fi Qabsaa’aa Oromoo gameessa Obbo Daani’eel Dafaa waliin taasifame.
Oromoonni 370 ol hidhattoota Naannoo Amaaraan ajjeefamuu
Duula duguuggaa sanyii humnoota finxaaleyyii Naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaatti seenaniin, Konyaa Baha Wallaggaa, Onoota kanneen akka: Giddaa Ayyaanaa, Haroo Limmuu, Agamsaa fi Arqumbee keessatti, Wiixata Hagayya 23, 2021 irraa qabuun hanga har’aatti Uummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiruun, Oromoonni baay’inaan 370 olitti tilmaamaman juumlaan ajjeefamuu.
Page 6 of 87