Go to GoFundMe to donate.
Oromoonni Eejjuu Soddomaa fi Raayyaa danuun qe’ee isaanii irraa buqqifamuu
Oromoonni Eejjuu Soddomaa fi Raayyaa danuun, goolii fi gaaga’ama lola HIT (Humna Ittisaa Tigiraay) fi Mootummaa PP (Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa) gidduutti adeemsifamaa jiruun isaan mudateen, qe’ee isaanii irraa buqqifamuun gara Wallootti baqatanii jiraachuu.
Matakkal: Duguuggaa sanyii garee Faannoon Uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru
Duguuggaan sanyii ijaarsa Naannoo Amaaraa Faannoo jedhamuun, Konyaa Matakkal keessatti, Uummata Oromoo irratti geggeeffamu, Wiixata kaleessaa Fuulbana 27, 2021 Ona Dibaax, Ganda Caancoo keessatti bifa haarayaan banamuun, lubbuu fi qabeenya Oromoo irra gaaga’amni cimaan qaqqabaa jiraachuu.
Finfinnee keessatti Afaan Oromoo dubbachuun yakka ta’ee jiraachuu
Duulli eenyummaa Uummata Oromoo irratti, tiksitootaa fi leellistoota impaayera Itoophiyaan adeemsifamu, tibbana daran jabaatee itti-fufuun, handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromoo dubbachuun, isa yeroo kamii irrayyuu, tibbana, ija jibbaan ilaalamaa; Ilmaan Oromoos yakkamaa taasisuun, hidhaa fi dararaaf saaxilaa jiraachuu.
Dargaggoonni Oromoo dirqiin gara mooraa leenjii waraana PPtti ergamaa jiraachuu
Dargaggoonni Oromoo lama, galgala edaa (Fuulbana 22, 2021) Magaalaa Gimbii keessatti, rasaasa Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan rukutamuun, tokko battalumatti lubbuun darbuu; kaan ammoo Hospitaala Gimbiitti yaalamaa jiraachuu.
Dhimma Obbo Goollicha Dheengee fi Olola kanaan wal-qabatee oofamaa jiru
Olola dhimma Obbo Goollicha Dheengeen wal-qabsiifamee oofamaa jiruu fi, afaanfajjii olola kana duubaan dhufuu malu irraa, Uummanni Oromoo ofii isaas mooraa qabsoo isaas akkamittiin tikfachuu qabaa irratti, marii Oromticha dhimma kana itti-dhiheenyaan quba-qabu waliin taasifame.
Hospitaala Fiichee keessatti Afaan Oromoon tajaajilamuun dhorkame
Tajaajilli Hospitaala Fiichee keessatti tajaajilamtootaaf kennamu Afaan Oromoon akka hin kennamneef shirri qaama hooggansaan xaxamu daran hammaachuun, yeroo ammaatti Hawaasni Oromoo bakkasii Afaan Amaaraan akka dhibee ofii himatuu fi tajaajila fayyaa argatu taasifamuun, rakkoo hamtuu mudachaa jiraachuu.
Boorana: Namaa-horiin daafii dheerachuu hongeen miidhama hamaa mudachuu
Oromoota manneen hidhaa impaayerattii garaagaraa keessatti hidhamanii gidirfamaa jiran baasuun ajjeesanii bakkeetti gatuun, kutaalee Oromiyaa danuu keessatti LMKII’n raawwatamuun amaleeffatamee jiru, Giddu-gala Oromiyaa, Lixa Shaggar, Ona Gindabarat keessatti ammas irra-deebiin, galgala edaa (Roobii Fuulbana 15, 2021) Oromoonni sadii mana hidhaa keessaa baafamuun ajjeefamuu.
Marii I/A Ajajaa WBO Konyaa Gujii Bahaa, Jaal Waaqomsaa Guutuu waliin taasifame
Marii Itti-aanaa Ajajaa WBO Konyaa Gujii Bahaa, Jaal Waaqomsaa Guutuu waliin taasifame: Waraanni Bilisummaa Oromoo Konyaa Gujii Bahaa keessa socho'u, tarkaanfilee lukkeelee diinaa fi qabeenya isaanii irratti kallaattiin fudhatu jabeessee itti-fufee jiraachuu.
Page 5 of 87