Go to GoFundMe to donate.
Uummata Oromoo saboota ollaan walitti diinomsuuf shirri xaxamu itti-fufe
Uummata Oromoo saboota ollaa waliin wal-irratti duulchisuun dadhabsiisaa, bara aangoo isaa dheereffachaa kan har’a ga’e Mootummaan Koloneeffataan Impaayera Itoophiyaa, Roobii kaleessaa (Onk. 20, 2021) ammoo, Poolisa Humna Addaa Sidaamaa qindeessuun, Hawaasa Oromoo Konyaa Gujii Bahaa Ona Girjaa keessa jiraatu irratti waraana bansiisee jiraachuu.
Hawaasni Oromoo beela hamaaf saaxilamee jiraachuu: Gujii Bahaa
Kibba Oromiyaa, Konyaa Gujii Bahaa keessatti daafii dheerachuu hongeen, Uummanni Oromoo beela hamaaf saaxilamuu; horiinis gaaga’amaa jiraachuu. Dheerachuun hongee, balaa beelaa amma uumameef sababa battalaa haata’u malee, gannoota afran darban irraa qabuun, duulli qabata deggersa WBOn Uummata Oromoo irratti labsamuun, hawaasni Oromoo kun hidhaa, dararaa fi ajjeechaa hamaaf saaxilamee kan jiruu fi gargaarsis irraa muramee kan jiru ta'uu.
Yakki Uummata Oromoo irratti Faannoon raawwatamu waakkatamaa jiraachuu
Duulli duguuggaa sanyii qindaawaan, ijaarsa Naannoo Amaaraa Faannoo jedhamu, milishoota Naannoo Amaaraa fi harcaatota nafxanyaa kanneen Oromiyaa keessatti wal-horaniin, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Kiiramuu, Amuruu fi Guutoo Giddaa keessatti, Onkoloolessa 10, 2021 Uummata Oromoo irratti baname itti-fufee jiraachuu.
Duula qindaa’aa garee Faannoo jedhamuun Uummata Oromoo irratti banamee jiru
Duula duguuggaa sanyii, garee Faannoo jedhamu, akkasumas, Milishootaa fi Hawaasa Naannoo Amaaraan, Konyaa Matakkal, Ona Dibaax, Ganda Gaalessaa keessatti, Roobii kaleessaa (Onkoloolessa 13, 2021) Uummata Oromoo irratti banameen, Aayyoo Oromoo, kan deessee ulmaa jirtu tokko dabalatee, Oromoonni jaha (6) haala suukanneessaan ajjeefamuu.
Sirni Irreechaa Ardaa Qaallittii dhukaasa LMKIIn goolamuu
Dhukaasa Oromoota Irreeffannaaf bobba’an irratti, Jimaata Onkoloolessa 8, 2021, Konyaa Gujii Bahaa, Ona Gumii Eldalloo, Ardaa Qaallittii keessatti LMKIIn banameen, Sirni Irreechaa sun goolamuun addaan bittinneeffamuu; Oromoonni Irreeffachuuuf ba’an muraasnis achi-buuteen isaanii hanga guyyaa har’aatti kan hin beekamin ta’uu.
Lola WBO fi LMKII gidduutti guyyoota afran kana walitti-fufiinsaan deemaa jiru
Lolli WBO fi LMKII humna guddaan gamasitti bobbaafame gidduutti, Konyaa Gujii Bahaa keessatti adeemsifamu, Wiixata Onkoloolessa 4, 2021 irraa qabuun, isa yeroo kamiirrayyuu daran jabaatee itti-fufee jiraachuu. Kanaanis, hanga Kamisa har’aatti, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa irraa kanneen dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu, danuunis madoon adabamuu fi booji’amuu. Lolli kun Ona Gumii Eldalloo, araddaa Boobaa jedhamtu keessatti, Kamisa har’aallee itti-fufiinsaan adeemsifamaa jiraachuu.
Uummanni Oromoo WBO waliin hiriiruun loluuf qophi xumuree jiraachuu
Ona Bulee Horaa keessatti, Uummanni Oromoo waraana MKII waliin ta’uun, guyyaa borii (Onkoloolessa 6, 2021) sakattaa WBO irratti akka bubba’uuf haal-dureen mijeeffamaa jiraachuu. Ta’us, Uummanni Oromoo WBO faana hiriiruun waraana PP loluuf, isa yeroo kamii irrayyuu qophii ta’ee jiraachuu.
Taateewwan Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Arsadii: Bara 2021
Ayyaanni Irreechaa bara kanaa (2021) Hora Finfinneetti, Sambata kaleessaa (Onkoloolessa 2, 2021); Dilbata har’aa ammoo, Hora Bidhooftuutti kabajame, dhaadannoolee deggersa WBO, barbaachisummaa Walabummaa Oromiyaa fi jibba Impaayera Itoophiyaa ifatti dhageessisaniin dabaalamee ooluu.
Page 4 of 87