Addunyaa nuti irra jiraannu kana keessa, Impaayerootni gurguddoon, Impeeriyaalistoota yartuudhaan ijaaramanii dachee sabootaafi biyyoota danuu weeraruun, daangaa kolonii bal’aa ijaarratan danuun kan turan ta’uu galmee seenaatu addeessa. Sirni kolonii, ganamumaan, sirna fedhii yartootaa bu’uura godhachuudhaan, tooftaa xiqqaa guddaarratti goobsuutiin wixineeffame ta’uufi; Impaayerri koloniis, godoo yartootaan ijaarameefi; kan gurguddoonni danuun keessatti yaratan ta’uu akkuma Macci beeku, sirnichis waan of beekuuf,

waardiyyoonni sirna kanaa sirnasaanii jiraachisuuf humnasaanii tokkicha kan ta’e, qawweetti dhimma ba’u.

Haata’u malee, Impaayeroota gurguddoo addunyaa keenyarra turan keessaa humna qawweesaatiin kan qabsoo saboota walabummaa biyya ofiitiif taasisan injifatee dhaabbatee hafe tokkollee hin turre. Impaayerootni humna qawweedhaan ijaaraman martuu, qabsoo walabummaatiin caccabanii kolonneeffattoonis bakkatti deebi’aniiru. Biyyoonni humnaan weeraramanii Impaayeroota jalatti cafaqamanii turanis, impaayera qawwee koloneeffattootaatiin irratti ijaaramte, qawweedhaan ofirraa fonqolchuudhaan, walabummaa ofii gonfachuu danda’uudhaan Impaayerri kan diimokiraata’uu kan hin dandeenye ta’uu mirkaneessanii jiru.

Ilaalchi ofittummaafi mul’anni addunyaa guutuu humna tokko jalatti bulchuuf, Impeeriyaalistootni warri lixaa qabatanii ka’an, qabsoo abbaa-biyyummaa sabootaatiin harkatti kan fashalaa’e ta’ullee, ofittoonni sun mul’atasaanii galaana qaxxaamusuruudhaan, biyya keenya qaqqabsiifachuutti milkaa’uu danda’anii jiru. Rimaan ofittummaa gorsaafi gargaarsa warra lixaatiin humneeffamtee baargamaa gamana ceetes, ofittummaafi dhiphummaa habashoonni ganamumaan qabaniin wal-makuudhaan, Impaayera Itoophiyaa taatee dhalachuu dandeesseetti.

Haaluma kanaan, biyyi Oromoo Oromiyaan, dhuma jaarraa 19ffaa irraa kaasee, guutuutti, Impaayera kolonii mootota habashaa jalatti kufte. Dhawataanis, biyya Oromoo jedhamuunshee hafee, kara deemaaf biyya taatee, saamichi qabeenyasheefi, duguuggaan sanyii ilmaasheerratti raawwatamu hammaatee itti fufe. Oromoonis, mirga abbaa biyyummaasaa mulqamee, garboomee, maqaa hin qabneenis waamame. Duulli Oromoofi Oromiyaarratti baname, daran finiine. Oromummaa itti awwaaluuf boolli awwaalchaa gadi fageeffamee qotamee, caacculeen Oromummaa tokkoo-lamaan itti gadi darbatamuun awwaalamuun itti fufe. Koloneeffattoonni qawwee warra lixaarraa argataniin Oromoo ajjeesuufi, gorsa shiraa abbootasaaniirraa argataniinis, tokkummaa sabichaa diiguun gamisa jal-deemtota godhachuutti bobba’an. Warri Oromoofi Oromiyaa malee jiraachuu hin dandeenye, akka waan Oromoon isaan malee jiraachuu hin dandeenyeetti, Oromoorratti duula ololaa oofuun, qorqalbii sabichaa’rratti hirkattummaa facaasuun, hojii guddaatu hojjetame.

Hata’u malee, Oromoonis koloneeffattootaaf harka laatee hin teenye. Furmaanni kolonii walbummaa ta’uu hubachuudhaan, matayyaafi ijaarmayaan qabsootti seene. Gosti qabsoosaas, Impaayera kolonii mootota habashaatiin ijaaramte diimokiraatessuu osoo hin taane, Oromiyaa humnaafi fedhii murnoota yartuutiin koloneeffatamte walaboomsuudhaan, ofiis mirga abbaa biyyummaa gonfachiisuufi, biyyasaa walaboomte keessa bilisummaan jiraachuu akka ta’e, qabsoo Walabummaafi Bilisummaa walitti fufiinsaan adeemsiisaa dhufeefi gaaffii yeroo adda addaatti gaafachaa dhufeen raggaasisee jira.

Gootonni Oromoo kumaa kitilli, akeeka kana qabatanii qabsaa’anis, aarsaa lubbuufi qaamaa barbaachisu itti kaffalanii darbanis, akeekni qabsoosaanii dhugaa bakka-buusa hin qabne ta’uusaatiin, haala kamiinuu utuu hin sharafamin, dhaloota har’aatti darbee jira. Dhaloonni har’aas, amaanaa abbootasaa harkaa fuudhe, bu’uura abboonnisaa kaa’aniif irratti cichuudhaan; gaaffiin Oromoos walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromootiin qofa kan deebi’u ta’uutti amanuudhaan, murnoota humna qawweetiin kaayyoo kana dhabamsiisuuf ykn maqsuuf itti bobba’an dura dhaabbatee, falmii kutannoodhaan adeemsiseen, itti dhiigee, itti dararamee, itti du’ee, hundee sirna impaayera kolonii Itoophiyaa raasuu danda’uunsaa dhugaa diinnillee ganuu hin dandeenyedha.

Murnoonni Impaayera Kolonii Itoophiyaa jiraachisuuf qabsaa’an, bu’uuruma caaseffama sirnichaa hordofuudhaan, humna qawweetiin sirnicha tasgabbeesuuf yaalanillee, itti milkaa’uu hin dandeenye. Inumaayyuu, kallattii waardiyyoonni sirnichaa, warra sirnicharratti qabsaa’an dhabamsiisuuf irra bobba’an, uummata haqa ofiitiif qabsaa’u daranuu hammeessuudhaan, keessuumattuu, qabsoon qarreefi qeerroon Oromoo waggoota afran kana golee Oromiyaa cufa keessattii walittifufiinsaan finiinsan, sirnicha gara badiisa inni jibbuuf sodaatuutti isa dhiheessuun, egeree sirnichaafi impaayera sirnichaan ijaaramtee wabii dhabsiisuurratti dabalataan, xiyyeeffannoo addunyaas hawachuu danda’ee jira.

Haata’umalee, koloneeffattoonni tooftaa ittiin dur deemaa turan jijjiirrachuudhaan, akkaataa ittiin jibbama sirnichaa gara jaalatamuutti jijjiiruun sirnicha dandamachiisuu danda’rratti malaaf maltee haaraa dhahachuun; sadarkaa yaadaafi ilaalchaatti nuuf hin taanee sabichaa nuuf ta’eeraadhaan bakka buusifachuuf jechoota araaraafi ida’ama jedhu qabatanii as ba’uun, kanas hojiitti jijjiiruuf, humna qaban guutuun, kiyyoo shiraa ittiin qabsoo Oromoo takaalan diriirsuurratti bobba’anii jiru.  

Haata’uutii, jechoonni filatamoon isaan itti fayyadamaa jiran kanneen akka nageenya / jijjiirama / diimokiraasii,fi kkf… qabeenya dheedhii mootummoonni abbaa irree ammayaa qaban ta’uun ni beekama. Diinqa masaraa keessaa gad hin ba’ani ni qusatamu. Abbootii irree biratti, jechoonni kun yeroo mara, faallaa hiika uummanni bal’aan beekuutiin hojiitti hiikamu. Yeroo shiraaf sirnisaanii hongeedhaan rukutamu, karaa miidiyaaleesaanii gadi yaafamanii sharafmuudhaan, misooma siyaasaatiif oolu. Uummata beela abbaa biyyummaatiif wawwaatuufis, dhangaa abjuu godhamanii dhiheeffamu.

Egaa koloneeffattootni jechoota kanneen, bu’aa siyaasa isaaniitiif, sadarkaa jechaatti haa fayyadaman malee, dhugaan jiru, impaayera kolonii keessatti diimokiraasii lafa qabsiifnee, nagaafi jaalalaan wajjin jiraanna jechuudhaan, araarri koloneeffataafi koloneeffatamaa gidduutti geggeeffamu, saba walabummaa biyyasaafi bilisummaa ofiisaaf qabsaa’uuf, gonkumaa deebii ta’uu akka hin dandeenye ta’uun dhokataa miti. Sirni tooftaa akkasiitiin deemus, sirna kolonii sagalee deggersaa saba biyyisaa koloneeffatameetiin, kolonii sana seera qabeessa taasisuun itti fufsiisee, saba haqasaa dhabe irratti gidiraa hammeessuudhaaf, shiraan ammayyoomfamee, maqaa diimokiraasiitiin of waamu ta’uun, qullaa Waaqaaf dachee jalaa dhokachuu hin dandeenyedha.

Dhugaan kun akkuma jirutti ta’ee, akkuma koloneeffattoonni moototta habashaa darban, yeroo qabsoon abbaa biyyummaa saba oromoo kokkee isaan qabu, maqaa nagaafi araaraatiin, Oromoo dabsatanii, qabsoo isaas maqsuun Impaayericha jiraachisaa turan, qoxusuu koloneeffattoota mootota habashaa darbanii kan ta’e, mootummaan wayyaanees, sirnicha itti fufsiisuuf, muuxannoofi leenjii abbootasaarraa dhaaletti dhimma ba’uun, akka waan galmi qabsoo Oromoo Impaayericha keessatti aangoo qooddachuu ta’eetti fakkeessuun, Uummata Oromoo burjaajessee, kaayyoo qabsoosaa karaarraa maqsuuf, “Oromoon aangoo argatee jira. Jijjiiramni barbaadamus dhufeera”, jechuun, olola karaa miidiyaaleesaanii biyya keessaafi alaatiin oofaa jiranitti dabalataan, dhaabbilee siyaasaa Oromoo kanneen biyyoota alaa jiraniif araara goonee galchina jechuun waamicha taasisee jira.

Haaluma kanaan, dhaabbileen siyaasaa Oromoof dhaabbanne ofiin jedhan muraasni waamicha godhameef simachuun gara biyyaatti galaniiru. Kanneen hafaniifis waamichi godhamu itti fufee jira. Olola walitti ida’amnaafi araara buufnaa gam-tokkoon oofamaa jiruun wal-maddiittimmoo, sabboonummaafi tokkummaa Uummata Oromoo dhabamsiisuuf, akkasumas, akka Uummanni Oromoo Walabummaa’rraa abdii dhabuufi, galmi Walabummaas itti dukkanaa’u gochuun, gaaffii walabummaa Uummanni Oromoo gaafachaa jiru busheessuuf duulli qorqalbii sabichaarratti banames jabaatee kan itti fufee jiru ta’uutu mul’ata.

Haata’umalee, osoo akka jabina shiraafi humna qawweetii, Impaayera Briitish kan, bal’inni daangaa lafashee, bal’ina lafa addunyaa kanaarraa dhibbantaa 24% uffisaa ture; kan ofirras dabartee Koloneeffattoota Mootota Habashaa gorsaafi meeshaa waraanaatiin gargaaruudhaan impaayera Itoophiyaa ijaarsifte sanatu jiraata ture. Garuu, jabinni shiraafi meeshaa waraanaa Impaayerattii badiisarraa baraaruu hin dandeenye. Qabsoo haqaa saboota walabummaa biyya ofiitiif qabsaa’aniitiin caccabdee, lafa abbaa qabu kan duraan humna qawweetiin weerarte, abbaasaaf dhiistee, bakka irraa kaatetti deebi’uuf dirqamtee jirti. Haaluma wal-fakkaatuun, Impaayeroonni gurguddoon kanneen akka, Impaayera Jarman, Ottoman, Raashiyaa, Austo-Hungariifi kkf danuunis qabsoo haqaa uummatoota abbaa biyyaatiin burkutaa’anii, dachee kanarraa kan badan ta’uu, akkasumas, Impaayeroota turan keessaa kan diimokiraata’e tokkollee kan hin jirre ta’uufi, Impaayerri humna qawween ijaarame gonkumaa diimokiraatessuun kan hin danda’amne ta’uu seenaatu ragaa ba’a. Dhugaa guddaan kunis kan mul’isu, sobni yartuun wayyaaneefi jala-deemtotasheetiin yeroo ammaatti, Impaayera Itoophiyaa diimokiraatessina jechuun oofamaa jirtu, caayaa itti dheessitu argachuu hin dandeenye ta’uusaati. Kanaafuu, Impeeriyaalistoonni bifaafi karaa garaagaraatiin, kaayyoo qabsoo Oromoo kan Walabummaa Oromoyaafi Bilisummaa Oromoo maqsuun, Impaayericha jiraachisuuf, boqonnaa malee hojjetanillee, Qabsoo Saba Oromoo galmasaa hanqisuun abadan kan hin danda’amne, ta’uu beekuun gaarii ta’a.

Itti dabalees, dhaabbileen siyaasaa jijjiiramni barbaadamu dhufeera jechuun, waamicha araaraa shiraa mootummaa wayyaanee simachuudhaan gara biyyaatti galanis ta’e, kan galuuf qophiirra jiran, kanneen lilmoo haxxummaa koloneeffattoota habashaatiin diramanis ta’e, kanneen doofummaan kaayyoo hin beekneef hiriiran, akkasumas, murnoonni faayidaa dhuunfaaf bitamuun, abbaltii wayyaaneen isaaniif kennite qabachuun, kaayyoo qabsoo sabichaa maqsuuf bobba’an hunduu dhugaa isaan beekuu qaban tokko yoo jiraate, Dhaabbilee siyaasaa kaayyoo qabsoo faallaa ta’e qaban kamiyyuu (walitti luuccessuudhaanis ta’e, isa tokko gara isa tokkootti harkisuudhaan) walitti araarsanii akka jarri waloon iddoo tokko jiraatan gochuun kan danda’amu ta’ullee kaayyoowwan qabsoo waliif masaanuu ta’an, (bifa kamiiniyyuu, bu’uura kamirrattiyyuu) walitti araarsuudhaan, lachuu wal-faana bakka tokko jiraachisuun kan hin danda’amne ta’uusaati.

Dhumarrattis, dhaabbileen siyaasaa Oromoo, kanneen gaaffiin saba Oromoo gaaffii kolonii ta’uufi, innis kan deebii argachuu danda’u, qabsoo hidhannoo kan Walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromootiin ta’uutti amantanii, uummatichas amansiisuudhaan qabsootti seentanii, qabsaa’aa jirtan; kanaanis, abdii walabummaafi bilisummaa jedhamuudhaan, Onnee Uummata Oromoo keessatti iddoo guddaa kan argattaniifi, abdii guddaanis isnirra kaa’amee jiru, Kaayyoon qabsoo Oromoo araaraafi diimokiraasiidhaan kan galma ga’uu hin dandeenye ta’uu, bu’uura kaayyoo qabsoo sabichaa kan ganamaafi dogoggora bara 1991 raawwatame of yaadachiisuudhaan, waamicha araara shiraa Mootummaa Koloneeffataan Wayyaanee isiniif taasisaa jiru simachuufi, caffee qabattanii qaama qawwee qabatee isin waamu waliin jaarsummaa taa’uurraa akka of qusattan, akkasumas, tarkaanfilee qalbii Uummata bal’aa keessaa isin baasuu malanirraa of-qusattanii, kaayyoo qabsoo Saba Oromoo, kan Walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromootiif amanamummaa qabdan iddootti tiksuun, qabsoo sabichaa gara fuul-duraatti akka tarkaanfachiistan, jabeessinee isiniif dhaamna.

Yaa Uummata Oromoo

Harcaatonni koloneeffattoota mootota habashaafi bitamtoonnisaanii, Impaayera Itoophiyaa diimokiraatessina jechuun si sobuuf yaalanillee, impaayerri qawween ijaaramte gonkumaa diimokiraata’uu kan hin dandeenye ta’uu, seenaa impaayeroota addunyaa kanarra turanii, qabsoo saboota walabummaa biyya ofiitiif qabsaa’aniitiin caccabanii badanii yaadadhuun, akeekni qabsookee ganamaa, kan walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromoof ati adeemsisaa jirtu, kan irraa goraafi dogoggora hin qabne ta’uu dhugeeffadhu.

Ijaarmiyootaafi murnoota siif qabsoofna jedhan mara, bu’uura kaayyoo qabsookee ganamaa, kan Walabummaa biyyakeefi Bilisummaa mataakeef godhaa jirtuu’rratti hundaa’uun madaalii, ayyaanlaallattoota kaayyoo qabsookee sharafuudhaan ykn maqsuudhaan, diina faaana hiriiranii, Impaayera Kolonii ilmaankee danuu soorattee, dhiigaaf lafee ilmaankeerratti ijaaramteefi, kan haqnikeefi gumaankee keessatti awwaalame jiraachisuuf carraaqan martuu kan bakka si bu’uu hin dandeenye ta’uu beekii, akeeka qabsookee buttuuwwan akkanaarraa tikfadhu.

Galma qabsookee ganamaa, kan hayyoonniifi ilmaankee danuun irratti wareegamanirratti, bakka jirtuu walitti adeemii waliin mari’adhu, wal-ijaari, hidhadhuu wal-hidhachiisi, lolii wal-lolchiisi, biyyakee afaan qawween koloneeffatamte afaan qawween walaboofadhu; bilisummaa mataakees mirkaneeffadhu kan jedhu, dhaamsa RSWO kan guyyaa har’aati.

Oromiyaan ni Walaboomti!

Oromoon ni Bilisooma!

R S W O

 

 

 

 

 

 

Leave your comments

Post comment as a guest

0

People in this conversation