WAAMICHA DEGGERSA RSWO!
Raadiyoon Sagalee Walabummaa Oromiyaa:
• Riqicha odeeffannoo ta'uun, Qondaaltotaa fi miseensota WBO iyyaafatee, haala sochii fi dhaamsa WBO uummata Oromoo bal'aa dhageessisa; yaadaaf dhaamsa uummataas odeeffatee wabii sabichaa kan ta'e WBO gurra-buusa. • Shira mootummaan nafxanyootaa maqaa Oromoon daldalu, qabsoo bilisummaa Oromoo'rratti xaxu saaxila; roorroo uummata keeny'rra ga'us hordofee gabaasa. • Sagalee Uummata keenyaa, goleelee Oromiyaa maratti wal-dhageessisa. • Qabsoo Saba Oromoo bilisaa fi Biyya Oromo walaba, sirna diimokiraasii fi haqaan bulu, deebisanii gad-dhaabuuf godhamuuf sagalee ta’ee hojjeta.
Kanaaf, Sabboontonni Ilmaan Oromoo kanneen akeeka RSWO hirmaattan marti, diinagdeen bira dhaabachuun, itti-fufiinsa hojiisaafi milkaa'ina akeekasaatiif akka gumaachitan waamicha lammuummaa, kabajaa Oromummaa waliin isiniif dhiheessina.
Leave your comments
Login to post a comment
Post comment as a guest